Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ebola,Dhukkuba Qorsii Hin Argaminiif,Milikeetii Isaa Ilaa Gurraa,Afaaniin Dhiiga Nama Xinnissa


Itoophiyaan waan dhukkuba Ebola kana gama hedduun ummata barsiisuutti jiraa jetti
Itoophiyaan waan dhukkuba Ebola kana gama hedduun ummata barsiisuutti jiraa jetti

Nama 800 caalaa fixee miliyoona hedduutti sodaan jiraata.Addunyaan woma isaa dubbachuutti jirti. Haga ammaatti Afrikaa gama Dhiyaahatii alatti nama irratti arganii hin dhageenne.

Ebola,dhukkubi qorsa hin qamne ka addunyaan waan isaa akkana dubbachuutti jirtu jiidha nafa namaatiin namatti dabra.

Eboolaan dhukkuba qorsa hin qamne,Nama dhukkuba kana fuudhee fayyallee guddoo hin dhageennee,taatullee yoo hurree akimatan hinuma fayyan fa jedhan.Akka WHO,Dhaabii Fayyaa Addunyaa dhukkubi kun achumatti dhowwuu baannaan addunyaa keessa faffacahee jennaan akkuma ibidda sadaasaa waliin gaha.

Itoophiyaan akka jecha Dr.Daadhii Jimaa,itti aanaan daarektera olaanaa Instituutii Fayyaa Ummata Itoophiyaa jedhutti dhukkuba kana biyya irraa egachaa tohachuutti jirti.

Itoophiyaan hojjattoota fayyaa,hojjatoota daandii xuyyuuraati fi nama hedduu leenjiftee waan dhukkuba qorsa hin qamne kanaa nama barsiisuutti jirti jedhan.

“Haga ammaatti milikeeta dhukkuba kanaa hin argine,hojjattootii fayyaa, daandii qilleensaatii fi hedduutti waahee dhiba kana barsiisuutti jira.”

Keessumattu akak jecha Dr.Daadhiitti biyya dhukkubi kun itti argame,Afrikaa gama Dhihaatti xiyyeeffannoo guddoo kennanii waan dhukkuba kanaa tohachuutti jiran jedhan.

Nama Itoophiyaa gara biyya alaa deemuu fi ka biyya alaa keessattu dhukkubii kun keessatti argamellee gorsaa kennaa kaan ammoo qorachaa hojjachutti jiran jedhan.

Maan jettanii akka ummati EBOLA ufi irraa eegu barsiiftan jennaan “quluqulinna keessanii fi nafa keessani jabeessaa eegadhaa jenna,”jedhe Dr.Daadhiin.

Dr.Daadhiin koree dhukkuba daddarbaa Itoophiyaa irraa tohatuu itti gaafatamaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG