Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Mormiitii fi Dhugaa Bahumsa Hawaasii Oromoo Amerikaa Kaabaa(North America) Konigireesii Amerikaatti Bahe


Hiriira Washingiton,DC-tti bahan
Hiriira Washingiton,DC-tti bahan
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:05 0:00
Xurree marsariitii

Kutaa Tokkeessoo

please wait

No media source currently available

0:00 0:12:59 0:00
Xurree marsariitii

Hawaasii Oromoo Amerikaa Kaabaa(North America),US fi Kaanaadaa dhufe Ebla,19, 2016 waajjiara Kongireesii Amerikaa (Capitol Hill) keessatti rakkoolee Oromoo irra geette jedhee afaaniin dubbachuu fi waan nafa isaaniituu irra gahe jedhan agarsiifachuuf miseensota Mana Marii Amerikaa dhufe.

Pennsylvania Ave,DC
Pennsylvania Ave,DC

​Namii hagii tokko waan mana hidhaatti isaa toclhan kaan ammo nama wa tolchan arge ragaa bahe. Sagantaa dhugaa bahiinsa (testimonies) jedha irratti nama hedduutti dhufee waan jiraa jedhan dhaabbilee mootummaa hin tahini fi miseensota mana marii Amerikaatti himan.Suniin duubatti hiriira mormiitti dabran.

Dhugaa bahumsaa Ebla,19,2016 irratti kongireesii Amerikaatiif godina MN keessaa ta filatamte, Beetii Makkoole, Congressman Keith Ellison, warra dhaaba Amnesty International fi Instituutii Oklaandi, Kaalifoorniyaa irraa dhufee rakkoo Oromoo qorachaa bahee fi gaazexeessaa Aljaziiraa ka durii Mohaammad Adamoo,bakka buutota hawaasa Oromoo fi nama hedduuttii itti dhufee waan Oromoon keessa jirti jedhee dubbate.

Hiriira Oromoonni Waashingitan Diisiitti godhan, Ebla, 19,2015
Hiriira Oromoonni Waashingitan Diisiitti godhan, Ebla, 19,2015

​Dhugaa bahumsaa Kongireesii Amerikaa qopheessan kana maqaa Koomishiinii Mirga Dhala Namaa Kongireesii Amerikaa, Tom Lantos Human Rights Commission qopheessan.Dhugaa bahumsa kanaaf marii tana waajjiara miseensa mana marii Amerikaa Keth Elisonitti mari’achiise.

Marii tana miseensa mana marii Kongireesii Amerikaa, Betty Maccoolitti jalqabe.

“Haalii Itoophiyaan amma keessa jirtu akka jiru kanatti deemuu hin malle. Ummatii Oromoo rakkoo gaargala hamaa keessa jira. Rakkoo teessan hinuma hubadha waan isan dhibellee namaan gaha.Namii hiriira nagaan bahe hin hidhamaa,hin ijjeefamaa,ulee hamtuu dhaanamaa,hin ijjeefama," jette.

Itti aantee ammoo Bettiin"Mootummaan Itophiyaan waan hojjateef itti gaafatmaa tahu male akka bulchiinsii pirezidaatnti Obaamaa rakkoo hamtuu tana dhaabu jabeessinee muddinee gaafanna. Torbaan kana keessaa ambaasaaddera Itoophiyaa US jirun wal argee nama hidhuu dhaabaa, rakkisuu dhaabaa,ijjeesu dhaabaa mirgaa ilmaan namaa ulfeessaa jedhee itti himaa,"

Akka jecha miseensa kongireesii Amereiaka tanaatti mootummaan Amerikaa gannuma gannaan Itoophiyaa doolara miliyoona hedduu kennee akka biyyitii midhaaniin ufi dandeettu, qonnaan jabeeffattu kennaaf.Tana irraa, "Akka Itoophiyaan biyya guddisaa mirga ummata isiillee eeddu gaafannaa," jedha.

Nami dhibiin rakkoo Oromiyaan keessa jirtu jedhe miseensota kongireesii Amerikaatii fi hawasaasa Oromootii gabaasa dhiyeesse daarektera olaantuu Instituuti Okland Anuradha Mittal.Instituutiin Oakland Amerikaa Kaalifoorniyaa jirti rakkoolee hawaasaa gama mirga namaa, qonnaa, daldala, misoomaa fi waan hedduun qoratti.

Isiilleen akka Itoophiyaan fkn bara 2014 keessa US irraa gargaarsa $miliyoona 665 argatte fi biyya jijjjiirama guddinnaa keessaa jirtu jedhamte keessaa tokkoo fi hariyaa US taate dubbatte.Taatullee rakkoon jirtu... "Sagantaan dhaabii gargaarsaa USAID Itoophiyaan gargaaru keessa tokko guddinna biyyaa keessaa, GDP horiin gargaaruu. Tana tolchuuf karoora jiru keessaa nama miliyoona 1 fi kuma 500 godaansisanii lafa sun hujii warshaatiif qopheessuu.

"Gargaarsii USA Itoophiyaa gama misoomaatiin,gama siyaasaatiin,horii fi yaadaan gargaaru waan durii baheef dhiisee gama akka malee balaa qabu deemuuf jira. Akka abbootiin irree fedhii mirga lammii isaani jalaa-qabuu didaniin tolchuutti jira.Tun ammoo jeequmsaa fi nagaa dhibiitiitti nama geessiti.Kongireesiin USA horiin Itoophiyaan kennamu akkuma duraan jedhame hujii misoomaatiif bahuu fi dhubaachu isaa jabeessee qorahcu malan. Horiin lammiin Amerikaa qaraxaa fi gibiriin mootummaa Amerikaatii baase kun ka abbootiin irraa mirga namaatiin gadi qabanii namaan hiyyoomsan,biyya namaa irraa godaansisaniin tahuu hin malle.Waldaan Awurooppaa rakkoo mirga dhabitiin ilmaan namaa Itoophiyaa irratti gabaasa jabaa baase,” jettee dabalte.

Namii gabaasa dhiyeesse dhibiin gaazexeexxaa Al-Jaziiraa ka durii Mohaammad Aademooti.Innilleen waan barattootii Oromoo hiriira mormii bahanii fi rakkoolee jirtu irratti dubbate.Innilleen hiriira barattoota Oromoo irratti nama 400 tahhutti ijjeefamee jedhe.

Miseensii Kongireessii Amerikaa rakkoo Oromoo irratti dubbate ka dhibiin ammoo Keith Ellison paartii Demokiraati irraa godina MN filatame.Godinii isaa godina Amerikaa namii Oromoo kumi hedduun keessa jiraatuuti.

Yoo hedduu hawaasii Oromoo,Ogaadeen, Itoophiyaa dhufanii rakkoob iyya isaanii nutti himanii akka nu mootummaa Amerikaatti nuu himaa jedhanii nutti himan jedha.Waajjirii isaa yoo hedduu rakkoolee naannoo Oromiyaa fi rakkoo mirga ilmaan namaa Itoophiyaan keessa jirtu jedhan gabaasaa baase dhiyeesse.

Rakkoo jarii nutti himatu yoo bulchoota mootummaa Amerikaatiin wal argu hinuma dubbadhaaf jedha.

“Yoo ambaasaaddera Amerikaatiin wal argullee rakkoo teessan isanii dubbadha.Waan isan yaaddesse itti hima.Rakkoolee haga tokkoo qofaa mitii rakkoolee jarii godina ani keessaa filatamee keessa jiru himatan isanii dubbadha.Fkn rakkoo akka Yuuyyaa irraa geettee fa.Wannii qalbiin nama hedduu baddeef waan hedduutti irra gaheef akkana.Rakkoo afaaniin himanii keessa hin baane keessa dabre.Yoo ambaasaaddera itoophiyaa argullee woma isan dhibe kana itti hima.Yoo bulchoota biyya alaa hedudun wal argu “maaiif rakko biyya teenna keessa seentan nuu jedhan nu ammoo ummati godina nu keessaa filamnee rakkoo heddu nutti himataa tana isanti himnaan jennaan.Wannii ummatii hardha waajjiria keenna dhufeefiulleen tanuma. Haga rakkoon jarii himate fala argatutti gaafii teenna hin dhaabnu hiuma falminaaf.Waajjirii kiyya haga dandahu cufaan rakkoo Itoophiyaa keessa jirtuuf hinuma iyya.Yoo isan waan keessa jirtan nutti hin himnin nu hin beennu.Nama Itoophiyaa hedduu fulaa buutanii rakkoo isaanii himacbuutti jirtanii jarilleen waan hedduu isan irraa eega,” jedha.

Ellison akka iyyannoon tun asumatit hin dhaabanne feennaa jedha.“Akka ani argutti kunoo kaameraa fi bilbilaa nama hedduutti wa warabaabuutti jira.Akkii isan nama asi hin jirreen oduu tana gahuu dandeettan feena.Waan asitti tahe kana Twitter, Facebook, snapchat fi social media sabqunnamtii walii ergaa rakkoo mirga namaa Itoophiyaa keessa jiru walii ergaa walti himaa.Haga rakkoon tun fala argattutti gadi hin teennu,” jedha miseensii mana marii Amerikaa Keith Elison.

Qophii dhugaa bahumsaatii fi hawaasii Oromoo Kongiressii Amerikaa itti dhufe tanatti hawaasa Oromoo godina Amerikaa 30 caalaa keessaa dhufe akka jari qopheesse jedhutti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG