Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seenaa Maatii Oromoo Jigjigaadhaa Ari’amanii


Aaddee Dirribee Hindhabuu fi Obboo Gaaddisaa Muullataa ijjoollee isaanii wajjin. Aaddee Dirribeen maatiin ishii Jigjigaadha baafamanii ji'a tokko booda Ginciitti nagahaan hiikkamteetti. Ilma isaaniis Falmaataa jedhaniin, Gincii, Oromiyaa, Onkoloolessa, 2017
Aaddee Dirribee Hindhabuu fi Obboo Gaaddisaa Muullataa ijjoollee isaanii wajjin. Aaddee Dirribeen maatiin ishii Jigjigaadha baafamanii ji'a tokko booda Ginciitti nagahaan hiikkamteetti. Ilma isaaniis Falmaataa jedhaniin, Gincii, Oromiyaa, Onkoloolessa, 2017

Falmataan akka oboolaaha isaa angafaa qehee warraatti dhalachuudhaa carraa hin arganne.

Aaddee Dirribee Hindhabuu fi Obboo Gaaddisaa Muullataa nannoo Somaalee Itoophiyaa, Jigjigaa keessa oggaa 19 jiraatan. Lachuu jireenya maatii ofii foyyessuudhaa cimanii hojjatanii, jireenya isaanii keessatti qabeenya maallaqa Itoophiyaa miliyoona lamatti tilmaammamu horachuu isaaniis dubbatan. Sun hundu guyyaa tokkotti harkaa butameera. Maatiin isaanii maatii dirqiidhan Jigjigaa keessaa ari’aman keessayi.

'Qabeenya qarshii Itoophiyaa miliyoona lama ta'u irraa buqqifamne'

Dhalachuu da’ima isaanii afraffaa eegaatii mana viillaa dhihoo ijaarratan eebisifatanii ji’a tokko booda, gaafa Fulbaana 4, bara 2017 akka lakkoofsa Itoophiyaa namoonni hidhatan manatti ol itti seenanii isaan qaban. Maatiin kun bu’aa bahii guuyyootaa bayyee booda Godina Shawaa Lixaa, aanaa Dandii, magaala Gincii gahan.

Aaddee Dirribeen ulfa sagal seente turte

Addee Dirribeen Giincii erga geeche booda nagahaan hiikkamteetti. Muccaan dhalatee, Falmataan, viillaa warra isaatiin qophaaheetti ta’ii baatuus “qarqaarsa hawaasni Gincii maatii kanaa fi namoota 70 ol achi qubsiifamanii godhanii haa toluu, fayyaa qaba,” jedhan warri isaa. Maatii kana, akkasumas koree yeroo namoota magaala Gincii qubsiifamanii qarqaarsa walitti qabaa jiru keessaa Obboo Kumaa Urgeessaa dubbisne.

Qophii guutuu dhaggeeffahdaa

Seenaa Matii Oromoo Jigjigaadhaa Ari’amanii
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:49 0:00
Seenaa Maatii Oromoo Jigjigaadhaa Ari’amanii
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:16 0:00

XS
SM
MD
LG