Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Yakkaa Idil-Addunyaa ‘ICC’ Jedhamu Yakka Waraanaa Sudaan,  Daarfuur Keessaa Akka Qorataa Jiru Beeksise


Abbaan alangaa muumichi Mana Murtii Yakkaa ka sadarkaa addunyaa himannaa yakka waraanaa fi yakka farra namoomaa Sudaan Al-Faashir keessatti raawwatame hatattamaan qorachaa jira. Magaalaan Daarfuur wal-dhibdee waraana Sudaan fi Humnoota Deeggarsa Saffisaa kan RSF jedhamu gidduutti uumame keessatti adda waraanaa haaraa taateetti.

Kibxata Waxabajjii 11 Kariim Kahaan ragaa sagalee fi suraa dabalatee namni ragaa ta'uu danda'u waajjira isaaniif akka dhiyaatyu gaafatan.

"Ragaaleen waajjirri koo hanga har'aatti walitti qabe himannaa amanamaa, kan irra deddeebi'amee, babal'ataa kan jiruu fi, itti fufiinsaan haleellaa ummata nagaa irratti raawwatamu, keessattuu haleellaa kallattiin mooraa namoota biyya ofii keessatti qe’ee ofii irraa buqqa’an irratti raawwatamu kan agarsiisu fakkaata.

Humnaan gudeeddii fi hookkara biroo bal’inaan, babal’atee fayyadamuu isaa kan agarsiisu illee ni fakkaata jedhanii, naannolee siiviloonni jiraatan irratti haleellaa raawwaamu, saamichaa fi wal irraa utuu hin kutin haleellaan hospitaalota irratti raawwatama. Keessumaa hawaasa Masaalitii fi hawaasaalee biroo irratti haleellaa gosa irratti hundaa’uu na yaaddessa jedhan. Al-Fashir jiraattota fi namoonni qe’ee irraa buqa’an miliyoona 1.8tu keeessa jiraata. Garuu akka Tokkummaan mootummootaa jedhutti sababaa lola baatii Ebla fi Caamsa akeessa geggeessameen uummanni 130,000 ta’u qe’ee ofii irraa baqateera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG