Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Naayiroobiitti Poolsiin Tokko Mana Murtii Keessatti Abbaa-Murtii Rasaasaan Rukkutee Madeesse


Magaalaa Naayiroobiitti Poolsiin Tokko Mana Murtii Keessatti Abbaa-Murtii Rasaasaan Rukkutee Madeesse
please wait

No media source currently available

0:00 0:00:54 0:00

Sana booda Polisiin sun qondaaltota biroo waliin dhukaasa banameen ajjeefamuu isaa dura ta’an qaama haqaa beeksiseera.

Manneen Murtii Seeraa Makadaraatti abbaa murtii kan ta’an Monica Kivuti gaaffii wabii haadha warraa poolisii kanaaf dhiyaate erga kuffisanii booda rasaasaan rukutamte jechuun galmeessaa olaanaa qaama haqaa Wiinfridah Mokaya barreefaman ibsa kennaniin beeksisaniiru.

Kivutii fi qondaaltonni biroo sadii dhukaasa itti baaneen miidhaman yaalamaa akka jiran fi haala tasgabbaa’aa keessa akka jiran abbaan murtii olaanaa Martha Koome ibsa kennaniin himaniiru.

Haati warraa poolisii kanaa fakkeessuudhaan shilingii Keeniyaa miiliyoona 2.9 (Doolaara 22,700) argachuu ishee erga amantee booda mirga wabiitiin akka gadhiifamtu gaafattee turte jedha gabaasni poolisii Rooyitars arge.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG