Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa Ortodoksii Magaalaa Allamaaxaa Hiriira Bahan


Hordoftoonii amantaa Ortodoksii Ityoophiyaa magaala Allaamaaxaatti argaman waldaan Ortodoksii Tigraay inni Manbere Selaamaa jedhamu muudaamaa kennaa jiruu fi caasaa dirrifachaa jiru mormuudhaan kaleesaa Fulbaana 5 bara 2017 hiriira taasisanii jiru.

Sinoodoosiin naannoo Tigraay, erga walwaraansichii dhaabatee booda bulchiinsaa Raayyaa Allaamaxaa jedhamu keessatti bakkawwan walwaraansaan dura naannoo Tigraay jala turan anaalee 5 keessatti hogantootaa fi tajaajiltootaa 20 ta’an haaraa muuduudhaan, caasaa isaa diriifachaa akka jiru kan ibsan jiraatoonii naannoo magaala Allaamaaxaa gochichii mirga amaantaa sarbuudhaa jechuudhaan ibsaniiru.

Erga walii galteen Pritooriyaa malateefamee boodaa Sinoodoosii biyaalesaa Itiyoophiyaa jalatti akka buluu jalqaban kan ibsani hogganaan dhaabata lallaba biyyalesaa Liqe Siyumaan Haftuu Ayenee naanoo Raayya Allaamaaxaa, analee Woflaa fi Zaataa akkasumas maagaalota Alamaaxaa fi Korem keessatti hogantoonii haaraan sinoodoosii Tigiraayiin muudamuu isaanii ibsaniru.

Dhimma kana irrtti kan gaafataman hojii raawachiisaan sinoodoosii Menber –Selaamaa Tigraay Abun Aregaawiin deebii kenaniin, dhimicha irratti odeefannoo gahaa akka hin qabne dubbatanii bakki sun walwaraansaan dura naannoo Tigraay jalatti bulaa turu isaa akka beekan ibsaniiru. Waldaa Ortodoksii Ityoophiyaatti bareesaan Sinoodoosii Liqe Berhaanaat Abba TekleeYaareed dhimmicha irratti akka odeeffannoo hin qabne ibsuu isaanii Masfin Arraagee ti kan gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG