Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Qaala’insi Gatii Maxxansaa fi Saatelaayitii Akka Miidiyaaleen Hojii Dhaaban Yokaan Jijjiiran Taasise Jedhame


FAAYILII - Namoota gaazexaa dubbisan, Finfinnee, Guraandhala 13, 2020.
FAAYILII - Namoota gaazexaa dubbisan, Finfinnee, Guraandhala 13, 2020.

Qaala’insaa gatii maxxansaatiifi kaffaltii tajaajila Saatelaayitiin kan ka’ee midiyaaleen Itiyoophiyaa keessa jiran hojii dhaabuu ykn jijjiruuf akka dirqamamaa jiran manni maree midiiyaalee hawaasaa Ityoophiyaa beeksisee jira.

Itti anaa hojii raawachiisaa mana mariichaa kan ta’an obbo Taamiraati Hayiluu sababa qaala’insaa gatii kanaan dhaabileen miidiyaa hojiidhaa ala ta’an jiraachuu isaanii sagalee Amerikaatti him,anii jiru Gulaalaa baruulee “Ye Haabeshaa weg” jedhamuu kan ta’e Tewodiroos Kaasaawu rakkinichii yeroodhaa yerootti dabalaa dhufee yeroo ammaa baruuleenii fi Gaazeexoonni daandiiwwan magaalaa Finfinnee irraati dubifamaanlakkoofsaan akka xiqaachaa deeman taasisuu isaa sagalee Amerikaatti himee jira.

Waggoottan Afuran darbaaniifi maxxansamaa kan ture Gaazeexaan “Addis Maaledaa” jedhamuu sababa qaala’iinsaa gatii maxxansaatiin kan ke’ee hojii dhaabuu isaa abbaan Gaazixichaa obbo Amaanyihun Raddaa ibsaniiru. Dhibeen KOOVID, walitti bu’insii fi walwaraansii, hanqinii sharafa alaa, dinagdee irraati midhaa waan geesiseef dhaabileen Beeksisaan miidiyaalee deggeruu akka hin dandeenye taasisuu isaa obbo Amaanyihun Raddaa dabalanii ibsaniiru.

Manni maree midiyaa Itiyoophiyaa Guraandhalla 28 bara 2016 Finfinnee keessatti walgahii taasiseen mootummaadhaaf gaaffii dhiheesuu isaa akka ibse Gebremikaa’el Gebremedihiin gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG