Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komiishinni Mirga Namoomaa kan Itiyoophiyaa Gabaasa Qorannoo Gaggeessee Ifa Taasisee Jira


FAAYILIi - Naannoo AMaaraa bakka Cinaa Takilaaymaanot jedhamu, Fulbaana 2, 2021.
FAAYILIi - Naannoo AMaaraa bakka Cinaa Takilaaymaanot jedhamu, Fulbaana 2, 2021.

Itiyoophiyaa keessatti itti fuufee kan jiru hidhaan tooftaan gaggeeffamuu fi kan seeraan alaa furmaata argachuu akka qabu Komishinni mirga namoomaa kan Itiyoophiyaa hubachiisee jira. Akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Baatii Bitooteessa bara 2010 jalqabee waggoota 5 jiran keessatti namoota bilbisummaa isaanii sarbaman, mirgoota silaa isaan qabaachuu qaban ilaalchisee gabaasa qorannoo biyooleessaa fuula 130 qabu ifa taasisee jira. Qorannaa akkasii gaggeessuun biyyoota adda addaa keessatti kan baratamee ta’us, Itiyoophiyaa keessatti kan jalqabaa ti jedhameera.

Namoota Hidhaa keessa yeroo dheeraa tursuu fi yeroo fedhantti hidhuun itti fufuu isaa kan ibsan komishinichaaf itti aantuu komishiinaraa kan ta’an Raakeeb Massala isaan kanaa fi dhimmoota mirga namoomaa kanatti hidhata qaban keessumaa walitti bu’iinsi yeroo hatattamaa fi haala wal fakkaatan keessatti akka hammaatan ibsan.

Guutuummaa Itiyoophiyaa keessatti qorannaa kana gaggeessuuf karoorri jiraatus biyyattiin bal’oo ta’uu ishee irraa kan ka’e rakkisaa akka ta’e ibsamee jira. Kanaafis haala jiru agarsisuuf jecha Oromiyaa Bulchiinsa naannoo Amaaraa, dur kibba biyyatti isa jedhamee waamamaa turee fi naannoo Somaalee keessatti qorannaan kun gaggeeffame.

Sirni ture eega jijjiramee booda, yeroo dheeraa hidhamuu fi hidhaa tooftaan gaggeeffamu ilaalchisee jijjirama jiru maal akka fakkaatu adda baasuuf akka ta’e gaggeeffamee dha jedhan aadee Raakeeb Lesele ibsanii jiru. Kanneen badii raawwatan itti gafatamoo gochuu kaasee hanga sirna yakkaa foyyeessuu kan ga’an tarkaanfiin furmaataa fudhatamuu akka qabanis ibsaniiru. Dhimma kana ilaalchisee mootummaa irraa deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne jechuun Keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG