Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiwwan Biyya Alaa Itiyoophiyaa Keessatti Qabeenyaa Hin Sochoone Akka Qabaatan Gochuuf Seerri Kan Ba’u Ta’u Mummich Ministeeraa Dubbatan


FAAYILII - Mummichs Ministeeraa Itoophiyaa, Abiyyi Ahmad
FAAYILII - Mummichs Ministeeraa Itoophiyaa, Abiyyi Ahmad

Itiyoophiyaan karoora bal’aa diinagdee banaa gochuu fi invastaroota hawwachuuf qabdu keessaa tokko kan ta’ee lammiileen biyya alaa qabeenyaa akka qabaatan gochuuf seera baasuuf kaayyeffatteetti jechuun Mummichi Ministeeraa Abiy Ahimad Sambata dabree Teleeviziyoona mootummaatiin ibsanii jiru.

Yeroo ammaa kana lammiileen biyya alaa Itoophiyaa keessatti mana jireenyaa, gamoo mana jireenyaas ta’e daldalaa akka hin qabaanne dhorkamaniiru.kunis invastimantii alaa gara biyya gaanfa Afrikaa kanatti hawwachuuf tattaaffii itti fufee jiruuf gufuu ta’ee ilaalama.

Teleeviziyoonni mootummaa akka jedhetti Dr. Abiyyi walgahii kaffaltoota gibiraa gurguddaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffame irratti akka himanitti mootummaan isaanii labsiin kun yoom paarlaamaa keessatti akka dhiyaatu dubbachuu baatanis labsii haaraa lammiileen biyya alaa qabeenya hin sochoone akka qabaatan taasisu xumuramaa jira jedha.

Labsii lammiileen biyya alaa qabeenya akka qabaatan taasisu ni baasna kan jedhan Dr Abiyyi, mootummaan seerota jiran fooyyessuun damee daldala gurgurtaa kan biyyattii yeroo ammaa lammiilee Itoophiyaa qofaaf daangeffame banuuf yaada akka qabus himaniiru. “Dinagdeen cufaamaa ta’e, amma garuu xiqqoo ni bana. Kanaaf isinis akka qophooftan barbaanna," jedhan.

Waggoota dhiyoo asitti mootummaan Dr. Abiyyi kutaalee diinagdee cimsee to’atamaa ture kan akka telekoomii fi baankii invastimantii biyya alaatif banaa kan jiru yoo ta’u, kunis karoora galii kaappitaala biyya alaa irraa rgamuu guddisuu fi biyyattii namoota miliyoona 100 ol qabduuf carraa hojii uumuuf qophaa’e keessaa tokko ta’uun ni yaadatama

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG