Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baankii Daldala Itiyoophiya Maallaqa Duraa Fudhatame Dhibentaa 80 Deebiseera Jedhe


FAAYILII - Maamila Bankii ashinii ATM keessaa maallaqa baafattu, Finfinnee, Adoolessa 31, 2019.
FAAYILII - Maamila Bankii ashinii ATM keessaa maallaqa baafattu, Finfinnee, Adoolessa 31, 2019.

Guyyoota 10 dura rakkoo siistamaa isa mudateen baankiin daldala itiyoophiyaa mallaqa dhabe dhibbeentaa Saddeetama kan ta’u deebiseesera jedhan Bulchaan baankii biyaaleessaa Itiyoophiyaa Obbo Maammoo Mirhatuu. Gochaa ta’erratti qorannaa taasisaa jirras jedhanii torbaan tokkoo boodas bu’aa isaa ni ifoomsina jedhaniiru. Baankiin daldala Itiyoophiyaas gama isaan dame tajaajila dijiitaalaarratti haaroomsi taasifamaa wayita jirutti gaafa bitootessa ja’ a bara 2016 A.L.I tti rakkoo siistamaa uumamee ture irraan kan ka’e birrii Miiliyona dhibba saddeeet ol na jalaa fudhatameera jedhee hanga ammaattis birrii miiliyoona 622.9 deebisiisuu danda’eera jedheera. Taateen kun kan ta’e halkan keessaa sa’aatii 3 fi daqiiqaa 38 irraa kaasee sa’aatiiwwan itti fufanii jiran shaniif ta’uu kn ibse baankichi , wal jijiirraan maallaqaa seeraanaa alaa Kuma 238 raawwatamaniiru jedhee namoonni hojii seeraan alaa kanaarratti hirmaatan 9, 281 maallaqa fudhatan guutummaa guutuutti yommuu deebisan kanneen 5,160 ta’animmoo walakkaan deebisaniiru. Maallaqa isaaniif hin malle kanneen argatan namoonni 567 immoo dhimmi isaanii seeraan ilaalamaas jedheera.

Waltajjii marii dhimma tajaajila dijiitaalaarratti kan argaman ministirri muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad rakkoon baankii daldala Itiyoophiyaa mudate tajaajilicha babbal’isuu waliin wal qabatee kan dhufu ta’uu ibsaanii dameen kun faayidaa fidee dhufuun alattis miidhaawwan akkasii fidas jedhanii rakkoowwan akkanaa kan ittisu fi hordofu mataa isaa kan danda’e qaamni tokko ni dhaabbatas jedhaniiru jechuun Finfinneerraa Gebiremika’eel Gebiremadihinitu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG