Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kurna Tokko Keessatti Godaantoonni Kuma 63 ol Lubbuu Dhabuu Jarmayaan Godaantota Addunyaa Ibse


Godaantota balaa doonii irraa hafan, Greek, Waxabajjii 14, 2023.
Godaantota balaa doonii irraa hafan, Greek, Waxabajjii 14, 2023.

Waggoota Kurnan darban keessatti godaantoonni kuma 63 ol du’aan kan galmaa’an yommuu ta’u ammayuu godaansi yeroo kamiyyuu caalaa dabalaa dhufeera jedhe dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti qindeessaan dhimma godaantootaa.

Waggoota Kudhan dura dooniiwwan lama naannoo qarqara Xaaliyaanii galaana Meditiriyaanii irraatti dhidhimuun lubbuun godaantootaa fi baqattota 600 darbuun Addunyaa kan Rifaasise yoo ta’u dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti qindeessaan dhimma godaantootaa lakoofsa namoota sababoota walitti bu’insaan, arii’atamaan ykn hiyyummaa irraa kan ka’e jiruu isaanii fooyyeeffachuuf kanneen biyyoota birootti osoo baqatanii du’anii fi dhabaman galmeessuu akka jalqabu isa dirqisiiseera. Mootummoonni addunyaa irra deddeebbiin daanga isaanii cimsanii eeguu , kontiroobaandistoota fi kanneen namoota seeraan ala deddeebisan irratti to’annaa cimsuuf waadaa galanis waggoota kudhaniin booda dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti qindeessaan godaantoota idil addunyaa kibxata kaleessaa piroojektii isaa godaantoota achi buuteen isaanii dhabaman irratti maxxansa baaseen ammayyuu Addunyaan kun namoota godaansarra jiraniif nageenya isaanii eegsiisuu akka hin dandeennye agarsiisa jedheera. Akka Gabaasa haaraa amma qindeessaan dhimma godaantootaa Idil Addunyaa Kibxata har’aa baaseetti bara 2014 irraa kaase hanga bara 2023 darbeettii namoota godaansaarra irra osoo jiranii dhabaman galmeeseen kanneen baay’inni isaanii kuma 63 ol ta’an du’aniiru jedheera.

Dubbii himaan dhaabbata qindeessaa dhimmi godantoota idil Addunyaa Joorji Gaalindoo lakkoofsi kun baay’ee sodaachisaadha jedhanii ammas namoonni jiruu isaanii fooyyeeeffachuuf jecha godaansi fi baqachuun itti fufee jiraas jechuun Assooshiyeetid Pireesitti himaniiru. Akka gabaasa haaraa amma ba’ee kanaattis gabaasni kun sababa odeeffannoo argachuu fi mirkaneessuun rakkisaa ta’eef duuti namoota kun lakkoofsa lubbuu namoota addunyaa guutuurraa badee keessaa harka muraasa qofaa ta’uu hin oolus jedheera. Lakkoofsi namoota du’aniiranii amma galmaa’ee jiru keessaas lama sadaffaan isaa kanneen eenyummaan isaaanii sirriitti adda baasuun ulfaataa ta’edhas jedhameera.

Godaantoonni dhibbentaa 6o ta’an du’aniiru kan jedhe gabaasni dhaabbata qindeessaa dhimma godaantootaa Idil Addunyaa lakkoofsa irra guddaa kan galmeessise kan gaalana Meditiriyaaniiyaaniirraa yommuu ta’u kunis kuma 28 ta’uu gabaasichi ifoomsee, daangaa Meeksiiko fi Yuunaayitid Isteetsi irratti, Galaana Atilaantik, Galoo galaana Aden , akkasumas galaana Beengaal fi galaana Andamaan bakka baqattoonni Rohiingiyaa abdii kutachuun bidiruu irratti gar malee fe’amuun imalanitti duuti baqqattootaa akka malee dabalaa dhufeera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG