Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seera-Tumtoonni Gamtaa Awuroopaa Roobii Kaleessaa Seera Sirna Godaansaa Haaressame Raggaasiisan


Seera-Tumtoonni Gamtaa Awuroopaa Roobii Kaleessaa Seera Sirna Godaansaa Haaressame Raggaasiisan
Seera-Tumtoonni Gamtaa Awuroopaa Roobii Kaleessaa Seera Sirna Godaansaa Haaressame Raggaasiisan

Seera godaansaa miseensoonni seera tumtoota Gmataa Awurooppaa Ebla 10 bara 2024 raggaasise kan filannoo gamtichaa isa ji’a Waxabajjii keessa taasifamuuf jiru kan deeggaruu jedhamee kan eegamuu fi isa gareen siyaasaa warra mirga leellisanii dursanii waadaa galan irratti kan kaayyeeffatedhas jedhameera.

Seerri haaraan kun yeroo haojimaata nageenya fi koolu galtummaa naannoo daangaa gamtaa Awurooppaa alaa irratti raawwatamu hir’isuu , akkasumas godaantoota seeraan alaa biyyoota biyyooya baha gidduu galeessaa fi Afiriikaarraa dhufan dhaabsisuu kan kaayyeeffatee , akkasumas ajandaa olaantummaa gamtichaa qabas jedhameera.

Turtii waggoota Sddeetiif biyyoota miseensota gamtichaa 27 gidduutti wal falmisiisaa kan turee booda yaadonni araaraa dirqama biyyaoota dirqama fudhatanii dhufan kan akka Xaalyaanii fi biyyoota dureeyyii akka Jarmanii gidduutti wixinee furmaataa ta’a jedhamus garee mirgootaaf falman immoo faallaa mirga godaantootaati jechuun qeequ.

Sagalee kennuun kun kan dhaga’ame yeroo wiirtuun siyaasaa bal’aan Gamtaa Awurooppaa dhiibbaa warra leellistoota mirgaa jla jirutti yommuu ta’u ji’a lamaan booda filannoo paarlaamaa Awurooppaa guutuu keessatti taasifamuuf jiruttis teessoo ni argatu jedhamee eeggama. Biyyoonni Gamtaa Awurooppaa seera kana hojiirra oolchuuf turtii waggaa kan fudhatu yommuu ta’u xinxaaltoonnimmoo halkan tokkotti jijjiiramni dhufu hin jiru jechuun akeekkachiisu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG