Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Miliyoona 3.4 Wal Waraansa Sudaan Baqnatanii Chaad Seenanii Jiran Beela Hamaaf Saaxilamuun Gabaasame   


Mooraa baqattootaa Adree, Chaad, Muddee 7, 2023.
Mooraa baqattootaa Adree, Chaad, Muddee 7, 2023.

Namoonni walwaraansaa Sudaan keessatti adeemaa jiru baqatanii gara biyyaa Chaadiiti baqatan Miiliyoonii 3.4 waan beelaaf saaxilamanii jiranuf gargaarsii nyaataa atattamaa akka isaan barbaachisu dhaabannii gargaarsaa biyyaa Faraansaay “Action Against Hanger” jedhamu beeksiseera. Dhaabbata mootumoota gamtoomaniitti jaarmiyaan sagantaa nyaataa WFPn lammilee Sudaan baqa irraa jiran miiliyoonii 1.2 gargaaruudhaaf gargaarsa doolaara miiliyoonii 200 fi miiliyoonii 42 gaafachuun isaa beekameera.

Akka dhaabileen gargaarsa namoomaa jedhanitti gargaarsii hawaasa adduunyaa irraa argamaa jiru yeroo amma dhibeentaa 4.5 qofa. Biyyi walakeessa Afrikaa namoottan jireenyaa isaanii irraa buqa’an miiliyoonii 1.4 of keessa qabdu Chaad biyyiittan Afrikaa iyyummaa keessa jiran keesaa ishee tokko.

Baqatootaa Chaad keesaa qubatanii jiran keessaa kumnii 900 lammiilee sudaan yemmuu ta’a isaan keessa dhibeentaa 90n dubartootaaf ijoollewwan ta’uu isaanii gabaanii madda oduu AFP beeksiseera. Yemmuu gara oduu biraati darbinu immoo, Roobii kaleessaa galgala mootummaan Maalii bulchaa jiru Sochiin siyaasaayaa kamiyyuu hanga garee kanaan beeksiifni ba’utti biyyittii keessatti akka dhorkame ibse.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG