Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sababa Daangaa Deebisuu Jedhuun Hidhattoonni Naannoo Tigiraay Raayyaa Allammaxaa Bakkoota Addaa Addaa Humnaan To’atan, Jedhame


Bulchiinsa yeroo Allamaxaatti Kantiiba kan ta’an Obbo Haayiluu Abarraa akka beeksiisetti Bitootessa 3, bara 2016 irraa kaasee guyyoota keessatti humnoonni naannoo Tgiraay irraa hidhannoon dhufaniiran haleellaa raawwataniin namoonni lama du’uu fi sadii immoo madaa’uu ibseera.Itti dabaluunis humni waraanaa hidhannoon socho’u kun Raayyaa Allamaxaatti ganda Addis Birhaan guutummaa guutuutti, gandoota Taa’oo, Ceggaaraa, Qalqalaa fi Cemaaroo immoo walakkaan fi bakkoota Koosima jedhamanis to’ataniiru jedheera.

Kantiibaan magalaa Raayyaa Alamaxaa galgala kana ibsa sagalee Ameerikaaf kennaniin Mootummaan Federaalaa xiyyeeffannoon bakkichaaf kenneeru gadiaanaandha jedhaniiru. Mootummaa naannoo Amahaaraa irraa hanga ammaatti dhimma kanarratti waan jedhame hin jiru.

Bulchaan bulchinsa Godina Kibba Tigiraay Obbo Haftuu Kiroos naannichatti walitti bu’insi hamaa ta’e hin jiru jedhanii Raayyaa Allamaxarraa kanneen jeequmsa kakaasan dhufannaan waan jalqabedhas jedhaniiru. Dhimma kanarratti gama mootummaa Federaalaarraa ministira Komuunikeeshiirraa akkasumas kan naannoo amaaraarraa deebii argachuuf yaaliin taasisie naaf hin milkoofne jechuun Dasseerraa Masfin Arraageetu gabaase.

Jiraattonni Alaamaaxaarraa Buqqa’an Akka Deebi’an Kan Gaafatu Hiriirri Tokko Magaalaa Mehooniitti Geggeessame

Sanbata darbe jechuun Ebla 5 bara 2016 jiraattonni Alamaxaa fi naannoo ishee irraa buqa’an gara qe’ee ofiitti akka deebi’an akkasumas waliigalteen nagaa Pritooriyaa hojii irra akka oolfamu kan gaafatu hiriirri nagaa magaalaa Mehoonii keessatti geggeessamee jira.

Hiriira sanatti aansuu dhaan naannoleen Tigraayii fi Amaaraa naannoo itti wal daangessaniif naannolee falmisiisoo ta’an keessatti hidhattoonni naannoo Amaaraa dhukaasa banuu isaanii qindeessitoonni hiriirchaa himataniiru. Bulchaan yeroo kan magaalaa Alamaaxaa obbo Haayiluu Aberraa, buqqaatonni irra hedduun qe’ee ofiitti deebi’aniiru, deebi’uu kan barbaaduuf kan hafe yoo jiraates deebi’uu danda’a jechuun deebii kennaniiru. Itti dabaluu dhaanis kan dhukaasa bane hidhattoota Tigraay jechuu dhaan himannaa qindeessitoota hiriirichaa kan haalan obbo Haayiluu Addis naannolees to’achuu isaanii dubbataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG