Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni Biyyoota Gama Lixaa Wal-muddinsi Iraanii fi Isiraa’el Gidduu Akka Daran Hin Hammaanne Waamicha Dhiheessaa Jiran


Hoogganoonni Biyyoota Gama Lixaa Wal-muddinsi Iraanii fi Isiraa’el Gidduu Akka Daran Hin Hammaanne Waamicha Dhiheessaa Jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:24 0:00

Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Makiroon ibsa kennaniin Iraanii fi Israa’eel haalli gidduu jiru akka hin hammaanneef biyyi isaanii waan danda’amu hundaa ni taasiifti jedhan.

Haleellaa Diroonii fi Misaa’eelootaan Iraan Sanbata darbe galagala Israa’eel irratti fudhatte ilaalchisuun Pireezidaantiin Faraansaay Imaanu’eel Makiroon wiixata har’aa Teleeviziyoona BFM fi RMC waliin gaaffii fi deebii taasisaniin biyyi isaanii Faraansaay haalli Iraanii fi Israa’eel gidduu akka hin hammanneef waan danda’amu hundaa ni taasifti jedhan. Itti dabaluunis Israa’eel gara jeequmsaatti deemurra Iraan adda akka baafamtu taasisuu qabdi jechuun gaafataniiru.

Chaansilarri Jarman Olaaf Shoolt wiixata har’aa ergaa wal fakkataa dabarsaniin Iraan haleellaa dabalataa Israa’eel irratti akka hin raawwanne akeekkachiisuun , Israa’eelis haala kana gara hammeessuutti kan geessurraa gahee ishee ba’achuu qabdis jedhaniiru.

Angawoonni Israa’el wiixata har’aa manneen barnootaa hojii akka jalqaban beksiisuun bakkoota tokko tokkottimmoo walitti qabamuu dhorkamuu ibsaniiru.

Miidiyaaleen mootummaa Iraan akka beeksiisanittimmoo sababa halleellaa Israa’eel irratti fudhataniif buufataleen Xiyyaaraa biyyattii hojii dhaabanii kan turan gara hojii idilee isaaniitti deebifamuu himaniiru.

Halleellaa gaafa Eebla 1, bara 2024 Siriiyaa Magaalaa Damaasqootti Imbaasii Iraan irratti raawwatameen Ajajoonni waraanaa Iraan baay’een jalaa ajjeefamuu hordofee haleellichaaf Israa’eeliin kan himatte Iraan deebii isaa kan ta’u Sanbata darbe galgala haleellaa Israa’eel irratti fudhachuu kan ibsite.

Hooggantoonni biyyoota garaagaraas gochaa Iraan kana balaaleffachuun walitti bu’isichi akka hin babal’anne jechuun akeekkachiisaa jiru.

Hooggannaan humna waraanaa Yuunaayitid Isteetsi Looyis Ostiin fi Ministirri hajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi Antanii Biliinken Dilbata kaleessaa hooggantoota biyyoota Saa’ud Arabiyaa, Tarkii, Masirii fi Joordaan waliin dhimma kanarratti bilbilaan dubbataniiru.

Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetsi Joo Baayideen Sanbata darbe galgala Ministira muummee Israa’eel Netaanyaahuu waliin bilbilaan erga dubbataniin booda gareen nageenya biyyaaleessaa dhimma kanarratti wal ga’ii akka taa’anii fi naannoo Michuu isaanii Israa’eel keessatti hammataa akka hin dhufneefis akka irratti hojjetan ibsaniiru.

Dubbii himaan humna waraanaa Israa’eel Letenaal Koloneel Piiteer Liirner CNN tti akka himanitti Iraan Dirooniiwwan 170, Misaa’eelota baalastikii 120 fi Misaa’eelota Kiruuzii 30 haleellaa Iranaaniin gara Israa’elitti taasifamuu himanii baay’een isaanii Iraanirraa, kaan isaaniimmoo Yemeenii fi Iraaq irraa furgugifamanis jedhaniiru. Haleellawwan Iraaniin Israa’eel irratti banaman kanaanis Humni ittisa qilleensarraa Isree’eelii , Yuunaayitid Isteetsii fi biyyoota michoota ishee biroo waliin ta’uun dhibbeentaa 99 fashalsiisuu Israa’eel Ibsiteettei.

Biyyoonni Gare tobaa Inni G7 jedhamuun waamamu ibsa baasaniin gochaan Iraan daangaa darbuun nnaanichatti nageenny akka hin jiraanne taasisuudha jedhee gochi akkanaa dhaabbachuu qaba jechuun balaaleffateera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG