Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsi naannoo Raayyaa fi Allaamaaxaa Milishoota Naannoo Turaniin Raawwatame: Jeneraal Taaddesee Werredee


Walitti Bu’iinsi naannoo Raayyaa fi Allaamaaxaa Milishoota Naannoo Turaniin Raawwatame: Jeneraal Taaddesee Werredee
Walitti Bu’iinsi naannoo Raayyaa fi Allaamaaxaa Milishoota Naannoo Turaniin Raawwatame: Jeneraal Taaddesee Werredee

Walitti bu’iinsi naannoo Raayyaa fi Allaamaaxaa ture milishoota naannoo jiraniin kan uumamee dha jechuu dhaan itti aanaa prezidaantiin naannoo Tigraay Leetinaant Jenraal Taaddesee Werredee beeksisan.

Itti aanaa prezidaantichi ibsa har’a kennaniin, Bulchiinsi isaanii naannoo inni humnaan to’achuu barbaadu hin jiru jedhan.

Kantiibaan yeroo kan magaalaa Allaamaaxaa obbo Haayiluu Aberraa gama isaaniin, hidhattoonni Tigraay walii galtee Pritooriyaa cabsuu dhaan naannoo Raayyaa Allaamaaxaa to’atan jedhan. jiraattonni kurna kumaan

Dura taa’aan koree eenyummaa Walloo Amaaraa obbo Haayiluu Abarraa VOAf akka ibsanitti dugdee magaalaa Allaamaxaa kan jiru naannoleen Raayyaa Allaamaaxaa hidhattoota Tigraayiin qabamaniiru jedhan. kunis diigamuu walii galtee Pritooriyaa mul’isa jedhan.

Itti aanaa prezidaantiin naannoo Tigraay kan yeroo Jeneraal Taaddesee Werredee Kibxata har’aa sabaa himaaf ibsa kennaniin, mootummaan Federaalaa naannolee falmisiisoo kan ittiin jedhe falmisiisaa miti, naannolee Tigraay beekamoo dha jedhee bulchiinsi isaanii kan amanu ta’uu ibsaniiru.

Mootummaa Federaalaa waliin, naannolee kana keessatti bulchiinsi waraana sana booda hundeeffaman akka diigamanii fi hidhattoonnis hidhannoo akka hiikkatan, caasaan poolisii fi nageenyaa akka diigamu walii galtee irra ga’ameera jedhan.

Akkasumas waraana sana booda kan mindeeffaman hojjettoonni mootummaa akka gad dhiisan, naannolee irra kanneen taa’an maqaan iddoo fi alaabaan akka ka’u walii gallee jirra jechuu dhaan Jeneraal Taaddeseen dubbataniiru.

Buqqaatonni lafa qonnaa fi manni jireenyaa isaanii gad dhiisamee akka deebi’an ni taasisama. Fedhii ofii isaaniitiinis bulchiinsa fedhan filatu jedhan. Mootummaan federaalaa bulchiinsichi caasaa jiru jala akka turu barbaadaa, bulchiinsi Tigraay kan yeroo garuu naannoo isaa jala akka ta’u ejjennoo jedhu qaba jedhan.

Guyyoota darban keessa naannoo Raayyaa Allaamaaxaatti kan uumame milishoota gamasii buqqa’anii fi hidhaattoota Raayyaa Allaamaaxaa naannoo Amaaraan caaseffame gidduutti ta’e jechuu dhaan itti aanaa prezidaantichi dubbataniiru.

Gama biraan walitti bu’iinsa naannoo Raayyaa Allaamaaxaatti ka’een bulchaan aanaa Raayyaa Allaamaaxaa Mollaa Derribew ajjeefamuu isaanii kanneen ijaan agine jedhan dubbataniiru. Haala ajjeechaa isaanii ibsa bal’aa argachuun garuu hin danda’amne.

Abin kaleessa galgala ibsa baaseen humnoonni ABUT uummata Amaaraa irratti haleellaa marsaa 4ffaa bananiiru jechuun himate. Mootummaan federaalaa fi mootummaan naannoo Amaaraa ABUT uummata Amaaraa irratti haleellaa bane jedhe hatattamaan akka dhaabsisan ABIN ibsa baaseen beeksiseera.

Prezidaantiin bulchiisa naannoo Tigraay kan yeroo Getachoo Reddaa midiyaa hawaasaa isaanii irratti akka barreessanitti haalli isaa mootummaa fi blchiinsa naannoo Tigraay ykn ABUT ykn immoo naannoo Amaaraa fi Tigraay gidduutti walitti bu’iinsa uumame miti. Haalli isaa humnootii walii galtee Pritooriyaa danqan kan uuman jechuun ibsaniiru. Humnootii jedhan garuu adda baasanii hin dubbanne, malli tokkichi nama baasu nagaa qofa jedhaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG