Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Arjoomtonni Addunyaa Gargaarsa Sudaaniif kan Oolu Doolaara Biliyoona $2.1 Gumaachuun Ibsame


Arjoomtonni Addunyaa Gargaarsa Sudaaniif kan Oolu Doolaara Biliyoona $2.1 Gumaachuun Ibsame
Arjoomtonni Addunyaa Gargaarsa Sudaaniif kan Oolu Doolaara Biliyoona $2.1 Gumaachuun Ibsame

Biyya wal waraansaan raafamte Sudaan keessa kan jiru rakkoo gargaarsa namoomaa hanqisuuf jecha, arjoomtonni addunyaa gargaarsa doolaara biliyoona $2.1 gumaachuuf waadaa seenaniiru jechuu dhaan Prezidaantiin Ferensaay Imaanu’eel Maakroon beeksisan.

Makroon kana kan dubbatan tattaaffii gargaarsaa maallaqni akkaan itti hanqateef deggersa walitti qabuuf kan qophaa’e knferensii sadarkaa addunyaa Paaris keessatti geggessame ennaa xumuramu haasaa dhageessisaniin ture.

Muummichi barreessaan Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Gutereesh addunyaan uummata Sudaan akka hin irraanfanne gaafatanii wal waraansi erga jalqabee waggaa guute kun akka dhaabatuuf waamicha dabarsaniiru.

Niw Yoork keessatti ibsa gaazixeessotaaf kennaniin Guteresh, waraanni kun waraana siivilota kuma hedduutti laka’aman kanneen ajjeefamaniif kurna hedduutti kan laka’aman kanneen qaamni isaanii hir’ate irratti kan geggeessamee dha jedhan. Waraanni kun waraana ummata miliyoona 18 kanneen beelli hamaan isaan mudate irratti geggeessame jedhanii hawaasichi baatii dhufu keessa balaan beelaa isa mudachuuf jira jedhan.

Ministriin haajaa alaa Jarmanii Annaalendaa Ba’eerbook akka jedhanitti balaan kun balaa harki namaa fide. Iji keenya utuu arguu addunyaa irra hamaa kan ta’e rakkoo daa’imman qe’ee ofii irra buqqa’uu ti. Garuu jedhan Anaalendaan, wal waraansi kun waggaa lammataa qabatee ennaajirutti keessumaa oduu guyyaa guyyaatti dhageenyu keessaa irraanfatamaa adeeme jechuun ni danda’ama jedhan.

Tokkummaan mootummootaa akka jedhetti uummanni miliyoonni 8 ta’u bakka amansiisaa barbaacha qe’ee isaa irra kan godaane yoo ta’u, kanneen miliyoona 1.8 ta’an biyya hollaatti baqatan. Walitti bu’iinsi sun lubbuu namoota 14,000 ol yoo galaafatu, kanneen 33,000 ta’an yoo madeessu, uummatichi walakkaan jechuun miliyoona 25 kan ta’u gargaarsa namoomaa eeggachuuf dirqame.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG