Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muddamni Giddu Galeessa Bahaa Ennaa Hammaatee Jirutti Baayiden Muummicha Ministeeraa Iraaq Waliin Wal Argan


Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayidenii fi Muummicha Ministeeraa Iraaq Mohaammed Shi'aa al-Sudaanii White Housetti Ebla 15, 2024.
Prezidaantii Yunaayitid Isteetis Joo Baayidenii fi Muummicha Ministeeraa Iraaq Mohaammed Shi'aa al-Sudaanii White Housetti Ebla 15, 2024.

Prezidaantiin Yunayitid Isteetis Joo baayiden Wixata kaleessaa muummicha ministeeraa Iraaqiin ennaa simatanitti iji hundumtuu Iraan irra ture. Xumura torban darbee Iraan haleellaa seena qabeessa kan jalqabaa Israa’el irratti raawwatte.

Haleellaan sun yaaddoo waraanni bal’aan naannoo sanatti ka’a jedhu dhaqqabsiise. Haalli kun ISIS irratti qabsoo waliin ta’uun geggeessan, dhimmootii dinagdee fi walabummaa annisa Iraaq akkasumas dhimmootii adeemsa gara hammayummaatti geessu irratti mari’achuu kan fedhan karoora hoogganootaa lamaanii ka sirnaa, duraan karoorfame kan White Housitti geggeeffame dukkaneesse

Hoogganoonni lamaan, Iraaqii fi Yunaayitid Isteetis gidduu kan jiru michummaa tarsiimoo waarinsa qabuuf kutannoo qaban mirkaneessaniiru.

Walii galtee tarsiimoo walii gala kan bara 2008 Yunaayitid Isteetisii fi Iraq gidduutti irra ga’ame ilaalchisee illee mul’ata qaban mari’ataniiru. Hoogganoonni lamaan ibsa waliin ta’uun kan kennan erga Baayiden muummicha ministeeraa Shi’aa al-Sudaanii waliin wal arganii booda.

Gama biraan angawoonni Waayit Haaus Iraan haleellaa sana geggeessuu dura of eeggachiisa ifaa fi cimaa kennitee turte kgabaasa jedhu falmaniiru. Dubbi himaan nageenya biyyoolessaa Joon Kerbii, gabaasa akkasiin kan waa’ee hin baafne ittiin jedhan.

Kerbiin akka jedhanitti mee yaadaa Iraan ennaa kaatee Iraa’eliin bilbila kaastee Israa’el, Kiruuz misaayilii 300 fi diroonii dhaan si haleeluufan jedha jettee ennaa akeekkachiistu jedhan. kun hin taane jedhan.

Itti dabaluu dhaanis deebii Israa’el kennitu murtii Israa’el murteessitu jedhanii dhima isaa isaanumaaf dhiifna jedhan. Yunaayitid Isteetis haleellaa qilleensa irraan Iraan geggeessite akka kufaatiitti ibsitus, hoogganaan Iraaq walitti bu’iins Israa’elii fi Hamaas gidduu naannoo sana keessatti yaaddoo guddaa ta’uu isaa hubachiisanii jiran.

Forum

XS
SM
MD
LG