Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Kibbaa, Godinaa Koree Keessatti Haleellaa Itti Fufeen Qonnaan Bultonni Afur Ajjeefamuun Gabaasame


Bulchiinsa naannoo Itiyoophiyaa kibbaa godiina Koree aanaa Gorkaa keessatti qonnaan bultoonni dargaggoo ta’an 4 aanaa galaanaa kan goodiina Gujii keessa hidhattoota socho’uu jedhamaniin ajjeefamuu jiraattonni ibsanii jiru. Qajeelfama Nageenyaa kan godiina Koree ka ta’an Obbo Tafarraa Bondooraa hojii qonnaa irra kan turan qonnaan bultoonni 4 garee hidhatee kan Onag shanee ittiin jedhaniin kaleessa ajjeefamuu isaanii sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.

Qobboo jedhamu keessatti qonnaan bultonni kaleessa ajjeefaman keessaa lama obbooloota isaanii ta’u kan ibsan Obbo Mitikkuu Shibbiruu dhukaasa itti banameen reebamanii ajjeefaman jechuun sagalee Amerkaatti himan. Kanneen ajjeefaman arfan maatii lama irraa ta’uu hubachiisan.Garee hidhattoota godiina Gujii keessaatu kana hojjata , kanasa humnii dhaabsisuu dhiibuu isaanii uummanni yaaddoo keessa jira jedhan.

Dhimma kana ilaalchisee deebii aangawoota godiina Gujii argachuuf yaaliin taasifamee hin milkoofne. Kanaan dura dhimmi wal fakkaataa irratti aangawoonni gaafatamanii turan riphxee looltootaan haleellaa dhaqqabuun haallii jiru to’annaa jala ta’e mootummaan hawaasaaf tajaajiila kennuun akka hin danda’amne jechuun dubbachuun isaanii gabaasnee turre.

Gama kaaniin dubbii himaan idila addunyaa kan waraaba bisilumma Oromoo Obbo Odaa Tarbii himannaa kanaaf deebii kennaniin, “Yeroo baay’ee himammaan akkanaa ni kakka’a. Garuu dhugaan jiru naannon sun rakkina mataa isaatii qaba. Sabaa fi sablammiileen achi keessa jiran milishoota ijaarratanii dhimma daangaa irratti wal-dhabanii jiraniif ajjeechaan akkasii yeroo dhaa yerootti argama malee Waraanni Bilisummaa Oromoo harka keessaa hin qabu,” Jechuu isaanii Yonaataan Zabdiwoos Haawaasaa irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG