Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baayiden Filannoo Pirezidaantummaaf kan Oolu Doolaara Miliyoona 25 Argatan


Pirezdaantiin Yunaaytid istees Joo Baayden yeroo eddu gala duula nu filadhaa Miliwaakiitti argamu daawwatan, Kutaa Wiskaansan, Bitootessa 13, 2024.
Pirezdaantiin Yunaaytid istees Joo Baayden yeroo eddu gala duula nu filadhaa Miliwaakiitti argamu daawwatan, Kutaa Wiskaansan, Bitootessa 13, 2024.

Maallaqa duula Filannoo Pireezidaanti Joo Baayideeniif magaalaa Niwuuyoorkitti walitti qabamaa jiru kan Baraak Obaamaa fi Biil Kiliintan irratti argaman doolaara miilyoona 25 argamsiise.Maallaqni guddaan akkasii walitti qabame kunis taatee siyaasaa keessatti Riikardii haaaraa kan galmeessisudha jedheera gareen horii walitti qabuu dulaa filannoo Pireezidanti Joo Baayideen. Pireezidaantichi humna maallaqa amma duula filannoof argatan kan qoratan yommuu ta’uu dorgomaan isaa Doonaald Tiraamp bara 2016 tti dorgomtuu isaa Hilaarii Kilintaniin moo’achuuf duula na filadhaaf maallaqa walitti qabuun isa hin barbaachisne ture.

Sagantaan galma muuziqaa Raadiyoo siitii kun imala duula filannoo pireezidaantummaa dhiyeenya kana ho’aa dhufeeruuf mallattoo waamichaa warqee yommuu ta’u , Pireezidaanti Joo Baayiden torbaanota darban kana keessa bakkoota dirree siyaasaa ciccimoo jedhaman baay’ee daawwataniiru.Akkasumas torbaan sadii dura haasaan waggaa pireezidantii kan waggaa mana maree lamaaniif dhiyyeessanis deebi’anii akka filatamuu danda’aniif karaa saaqa jedhameera. Sagantaa duula filannoof maallaqa walitti qabuu kunis waggoota Kurnoota Sadii darbaniirra isa hooggantoota warra Dimookiraat bakka tokkotti walitti fiduun tokkoomses jedhameera.

Forum

XS
SM
MD
LG