Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhiittaan Mirga Daa’immanii Hammaataa Adeemuu Tokkummaan Mootummootaa Beeksise


FAAYILII - Ijoollee mooraa baqattootaa keessa jiraatan, Iraaq, Muddee 27, 2017.
FAAYILII - Ijoollee mooraa baqattootaa keessa jiraatan, Iraaq, Muddee 27, 2017.

Bakka bu’aan addaa hoogganaa olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii kan daa’immanii fi bakkoota waldhabdee hidhanoo Roobii kaleessaa akka beeksisetti Guutummaa Addunyaatti daa’imman naannoo waldhabdee keessa jiraatan gargaarsa namoomaa dhabaa jiru, mirgi isaanis sarbamaa jira jedhe.

Varjiniiyaa Gambaa Mana maree nageenyaa dhhaabbata mootummoota gamtoomanii Niwuuyoorkitti Gabaasni bara 2024 kanaa akka agarsiisutti akka addunyaatti taateewwan gargaarsa namoomaa dhorkan haalaan dabalaa dhufuun nama rifaasiisa jettee waanti ta’aa jiru seera namoomaa Idil addunyaa iffatti haaluunis dabalaa dhufeera jechuunis ibsiteetti.Itti dabaluunis gargaarsi namoomaa yeroon akka kennamuuf nageenya guutuu fu gufuu malee akka argataniif hayyamuuf qaamooleen waldhabee keessa jiran utuu hin ajajamne , lubbuun jiraachuun, nageenyi fi guddinni daa’immaniui balaadhaaf saaxilamee waan jiruuf waamichi nuti mana maree gola nagaa taafinus sagalee dhageessisuu qofa ta’eera. Daa’imman gargaarsa namoomoo dhorkamaa jiraachuu yoo hubanne dandeettii hordofuu fi akka hin uumamne ittisuu keenya cimsine malee ittisuu hin dandeenyu . hojii kana itti fufsiisuu qabnas jetteetti Varjiniyaa Gambaan.

Mana Maree gola nagaa eegumsaa dhaabbata mootummoota Gamtoomaniirratti argamuun haasaa lkan taasise Teed Chayibaan dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti Itti aanaan Daayireektara olaanaa Fandii daa’immanii , Tajaajila gargaarsa namoomaa argachuu dhabuun saaxilamummaa guddaa kan jedhanii sarbama mirga daa’immanii biroo dabaluus danda’a jechuun ibsee , biyoonni miseensota mana marichaas qaqqabummaa gargaarsa namoomaa cimaa bochuun jabeessuu qabus jedheera.

Mana marichaaf pireezidaantii ji’a Eeblaa bara 2024 kan taate biyyi Maaltaa karaa Ambaasadara ishee Venessaa Freezer haasaa dhaga’ameen haaloonni Gaazaa, Sudaan, Heeyitii, Yuukireen, Afgaanistaanii fi Yemeen keessaa kan ilaaleen yaaddoo cimaa kan qaban ta’uu himuun hojiin caalus hojjetamuu qaba jechuun ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG