Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Riqiicha Jige sana Dhaqqabuuf Daqiiqaa Tokkoo fi Sakondii Soddooma nu Fudhate Jedhu Polisoonni


Riiqicha Firaansis Iskoott Kii dooniin itti bu'ee cabse, Meerilaan, Yunaaytid Isteets, Bitootessa 26, 2024.
Riiqicha Firaansis Iskoott Kii dooniin itti bu'ee cabse, Meerilaan, Yunaaytid Isteets, Bitootessa 26, 2024.

As Yunaaytid Istees kutaa Meerii Laand naannoo Booltimoor jedhamutti, Lafa Kibxata kaleessaatti bari’uu, Doonii fe’umsaa guddaa qabu tokko, To’annaan ala ta’uun riqicha ”Firaansis Iskoott Kii “jedhamuutti rukutamee riqiicha sana diigee jira. Donii sana to’achuu dadhabuu isaa ibsuun, Iyyata namicha Doonii sana ofaa ture dhageesisee daqiiqaa tokkoo fi walakkaa keessatti, poolisoonni riqicha sana dhaqqabuun, sochii konkolaataa riqiicha sana gamaa fi gamanaan ture dhaabuu akka danda'an ibsaniiru.

Namnii tokko hojjettoota ijaarsaaf naannoo sanatti bobba’anii turan akeekkachiisuuf konkolaataa isaatiin riqicha irra ba'uuf akka ture dubbateera.Garu Dooniin Eleektiikiin isaa dhaamee fi konteenara guddaa fe’e ture utuubaa riiqiicha Sanatti rukuutamee jedheera.

Qondaalli polisii aarii guddaa qabu tokko, “Riqichi guutuummaan kufeera” jedhan. Dooniin konteenaraa Dali Wiixata halkan sa’atii 7 fi walakkaa tti utubaa sanatti yeroo rukutamtu, riqicha dheeraan, kan walitti hidhamiinsa guddaa toora geejjibaa naannichaa ta’e, laga Patapskoo keessatti akka kufu taasiseera.

Yoo xiqqaate namoonni saddeet bishaan keessa seenaniiru. Lama baraaramaniiru garuu ja'an hafan qaama garee ijaarsaa riqicha irratti boolla guutaa turan keessaa du'aniiru jedhamee tilmaamameera. Kibxata ganama reeffa isaanii barbaaduun gaggeeffamaa akka ture dubbi himtuun poolisii kutaa Meeriilaandii Elena Russo himaniiru.

Namoota dhabaman keessaa lammiwwan Guwaatemalaa, Honduraasii fi Meksikoo irraa dhufan akka jiran dippilomaatonni biyyoota sanaa himaniiru. Riqichi kun dhabuun tiraafikaa namoota imaltootaa kan jeequu fi buufata doonii barbaachisaa ta'e danquu danda'a jedhamee eegama.

Forum

XS
SM
MD
LG