Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhimma Gaazaa Ilaalchisee Angawoonni Israa’el Mariif Ta’uu Diduu Isaanii Ilaalchisee Yunaaytid Isteetis Gadduu Isee Ibsite


Mootummota Gamtoomanitti Ambaasaddarri Yunaaytid Isteets Liindaa Toomaas walgahii dhimma Gaazaa irratt, Wajjira Muummee Mootummoota Gamtoomanii, Niiw Yoorki, Bitootessa 25, 2024.
Mootummota Gamtoomanitti Ambaasaddarri Yunaaytid Isteets Liindaa Toomaas walgahii dhimma Gaazaa irratt, Wajjira Muummee Mootummoota Gamtoomanii, Niiw Yoorki, Bitootessa 25, 2024.

Yaa’ii guyyaa kaleessaa dhabbanni mootummoota Gamtoomanii Israa’eelii fi Hamaas gidduutti waraana dhaabuurratti sagalee kennaa turerratti Yuunaayitid Isteetsi sagalee kennuurraa ofqusachuushee hordofee mariin torbaan kana keessa jilli qondaaltoota Israa’eelii fi Yuunaayitid Isteetsi Waashingtanitti taa’aamuuf karoorfamee ture irratti Jilli qondaaltoota Israa’eel Akka hin argamane beeksiisaniiru. Ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi dhimma kana ilaalchiisuun murtoo ajaa ibsiisaa fi gaddisiisaadha jedheera.

Dubbii himaan ministira haajaa alaa Yuunaayitid Isteetsi Maatiwuu Muuleer karoorri humni waraanaa Israa’eel Raafaah bakka namoonni Gaazaan irra caalaan waraana baqaaf itti qubatanii jiraniitti weerara raawwachuun Murtoo dogoggoraa fi Nageenya Israa’eelillee akka laaffisu himan.

Murtoo manni maree nageenyaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii waraana hamaasii fi Israa’eel dhaabuurratti dabarse kan Ameerikaan irraa of qusatte dhimmoonni bakka Sanaa nu ilaallatu turan, dhimmoota murtii Sanaa kan ilaaleenis sodaa qabna kunis halleellaa shororkeessummaa Hamaas gaafa Onkoloolessa raawwate kan balaalleffate miti, kanaafis Yuunaayitid Isteetsi sagalee hin kennine kan jedhan Maatiwuu Muuleer, aangoo sagalee sagaleen ugguruu waan nuyi hin fayyadamneef murtoo yeroo dheeraa ejjennoo keenyaan wal simu hunda caalaammoo dhukaasni akka dhaabbatuu fi namoonni uukkamfamanii fudhataman akka gadhiifaman ejjennoo keenyaas kan mootummaa Israa’eelis ta’uu hubanneeti jechuun ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG