Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Ulaa Galaana Yaman Dhiyootti Jiru Tokko Irratti Buufati Xayyaaraa Ijaaramaa Jiraachuun Gabaasame


Hulaa Galaanaa gidduu galeessa bahaatti humnoonni Hutii kaneen Yemenii dooniiwwan fe’iaarratti xiyyeeffachuun haleellaa wayita raawwachaa jiranitti xinxalli suuraa Assooshiyeetid Pirees dhaqqabe akka agarsiisuttimmoo buufata xiyyaaraa haaraa kan fakkaatu seensa hulaa galaanaa murteessaa ta’e kanarratti ijaaramaa jira. Biyyi hanga ammaatti ijaarsa kana raawwachaa jiraachuu ibsate jiraachuu baattus , akka suurri Saatelaayiitii kun agarsiisuutti garuu odola Abdal Kurii kan qarqara Galoo galaana Aden gara hulaa galaanaa Hindiitti geessurratti ijaaramaa jiru barreeffama “ I LOVE UAE” Yuunaayitid Arab Immireetis nan jaalladha kan jedhudha. Ijaarsi haaraan kun kan raawwatmuu jalqabe yeroo loltoonni Emiireets iraa dhufan lafa wal quunnamsiistuu Odola Sooktiraa Kan Abdelkurii keessatti argamuuu isanii fi yeroo Humnoonno Yemen kibbaa keessaa kanneen Yemenirraa addaan cituu himatan walitti bu’insa uumaniittidha.

Gaafii Assooshiyeetid Pirees irraa Yuuaanayid Arab Emmireetiif waa’ee ijaarsa haala kanaa ilaalchisuun dhiyyateef Kamisa har’aa deebii kenniteen Yuunaayitid Arab Emmireetis kan naannoo Odola Sooktiraa Abdel Kuriitti argamtu beekamtii mootummaa Yemeniirratti kan hundaa’e deeggarsa namoomaaf jetteetti.

Gama biraatiin Miidiyaleen Iraan waliin hidhata qabanii fi kan Hutii ragaa osoo hin dhiyeessiin Yuunaayitid Arab Emmireetis Odola Soktiraa irraa humnoonni Israa’eel bakka sana akka to’ataniif eeyyemteetti yommuu jedhan waajjirri ministira Muummee Israa’eelimmoo dhimma kanarratti gaafatamee deebii hin kennine.

Green Huutii ji’a Sdaasa darbeerraa kaasee halleellaa Israa’eel Gaazaa keessatti Hamaasirratti raawwattu akka dhaabdu dirqisiifna jechuun dooniiwwan daladalaa irratti haleellaa raawwachuu jalqaban. Sababa kanaanis hulaan galoo galaana Adenii fi galaanni diimaa erga waraanni Hamaasii fi Israa’eel gidduutti jalqabee as dirree waraanaa guddaa Humnoota Huutii kanneen Iraaniin deeggaramu jedhamanii fi humnoota Yuunaayitid Isteetsiin durfamani gidduutti raawwatu ta’eera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG