Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Israa’el Lebaanan Gama Kibbaa Haaleeltee Jirti


Ganda Hebariyee, bakka halellaa Israa'eliin barbadaahe, Lebaanan, Bitootessa 27, 2024.
Ganda Hebariyee, bakka halellaa Israa'eliin barbadaahe, Lebaanan, Bitootessa 27, 2024.

Haleellaa qilleensa irraa Israa’el Libaanan kibba keessatti gaggeessuun namoota torba galaafatee haaloo ba’uuf jecha, hidhattoonni Hizbollah Libaanon keessa jiran, Roobii har’a Israa’el kaabaatti rookkeetii dhukaasanii jiru. Tajaajilli balaa tasaa kan Israa’el akka beeksisetti, magaalaa daangaa kan taatee Kiryat Shmoonaa keessatti haleellaa rookkeetiin namni tokko du’e.

Waraanni Israa’el haleellaan isaa Libaanan keessatti raawwate, gamoo waraanaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, miseensa garee hidhattoota al-Jamaa al-Islamiya kan shira shororkeessummaa Israa’el irratti xiyyeeffate babal’ise ajjeese jedheera. Dhaabbatti oduu Ajaans Fraans Prees (AFP)iin qondaala al-Jamaa al-Islamiya wabeeffachuun akka gabaaseetti, ganda Hebbariyeh keessatti namoonni torba ajjeefamaniiru jedheera. Maddeen nageenyaa kan Lebaanan dhaabbata oduu Rooyitarsiif odeeffannoo wal fakkaataa kennaniiru.

Hokkarri daangaa qaxxaamuraa kun jijjiirraa yeroo dhiyoo Israa’el garee shororkeessummaa Hamaas, michuu Hizbullaati ittiin jette, Gaazaa keessatti dhabamsiisuuf akeekkatte yeroo raawwattutti kan dhufedha. Waraanni Israa’el Roobii har’a naannoo Hospitaala Shifaa kan Gaazaa kaabaa keessatti tarkaanfii lafoon gaggeessuu, akkasumas kutaa Gaazaa kibba naannoo Khan Younis keessatti haleellaa qilleensaa irraa fi lola lafoo raawwachuu isaa gabaaseera.

Lola kana yeroodhaaf dhaabsiuuf, namoota booji’amanii Gaazaatti qabaman gadhiisuu fi gargaarsi namoomaa lammiilee Falasxiin dabaluu ilaallatee, murtiin golli naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa daarsee boodas, walitti dhiyeenyii yaadaa argamee hin jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG