Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsa Mudateen Booda Efraataa Gidim fi Jile Dhuimmuugaa Tasgabbaa’eera, Jiraattonni Nageenyi Waarinsaa Akka Jiraatu Gaafatan


Walitti Bu’iinsa Mudateen Booda Efraataa Gidim fi Jile Dhuimmuugaa Tasgabbaa’eera, Jiraattonni Nageenyi Waarinsaa Akka Jiraatu Gaafatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:44 0:00

Naannoo Amahaaraa godina Saba oromoo fi godina Shawaa Kaabaa keessatti torban tokkoon dura walitti bu'iinsi ture, guyyoota sadan darban tasgabbaa'era jechuun jiraattonni godinaalee lamaanii sagalee Ameerikaaf himaniiru. Jiraattonni godina saba oromoo aanaa Jiillee Dhummuugaa magaalaan sambatee ammatti tasgabbooftetti jechuun naagenyi waarawaan akka jiraatuuf mootummaan xiyyeeffannoo keenuuf qaba jechuun gaafataniiru.

Jiraattoonni godina shawaa kaabaa magaalaa Axaayyes guyyoottan sadan kana magaalattiin nagaa qabdi jechuun haala turee fi amma jira jedhan ibsaniiru. Akka jiraatoonni ibsanitti sababa walitti bu'iinsa tureen namoonni qe'ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa'anii Haala rakkisaa keessa jiru jechuun dubbataniiru.

Dhimma kana ilaalichisuun hooggantoota Bulchiinsa godina addaa Saba Oromoo fi godina Shawaa Kaabaa irraa odeeffannoo argachuuf yaaliin taasisne hin milkoofne.

Gama biraatin Imbaasiin Ameerikaa Itoophiyaatti argamu fuula Feesbuukii isaa irratti ibsa har’a baaseen naannoo Amahaaraa godina addaa saba oromoo fi godina shawaa kaabaa keessatti ajjeechaan lammiilee nagaa,miidhaan qaamaa buqqaatii lammilee nagaa irratti qaqqaabe kan yaaddeesse ta'uun eraamera. Ambaasaaddar Erviin Maasingaa akka jedhanitti lammiileef eegumsi barbaachisu akka taasifamuu fi rakkoo siyaasaa Itoophiyaa keessatti mul'achaa jiru furuuf mariin akka barbaachisu dhaamaniiru jechuun Tsehaay Daamxoo Gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG