Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Beellama Qabameetti Kannen Maallaqa Fudhatan Deebisan Tarkaanfiin Seeraa Irratti Fudhatamu hin Jiru : Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa


Mallattoo Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa damee isaa Finfinnee jiru tokko irratti, Bitootessa 26, 2024.
Mallattoo Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa damee isaa Finfinnee jiru tokko irratti, Bitootessa 26, 2024.

Baankiin Daldalaa kan Itiyoophiyaa guyyaa 12 daura rakkoo caasaa isa mudatee hordoofuun karaa seeraan ala ta’een baankiicha keessaa kanneen maallaqa fudhatan guutuummaan ykn hanga tokko kanneen hin deebisiin, maqaa namoota 5731 tarreessee ifa gochuu isaa beeksisee jira. Baankiin kun har’a ibsa baaseen maallaqa fudhatan guutummaan ykn hanga tokko kanneen hin deebisne, hanga sambata fullee keenyaa Bitooteessa 21 bar 2016tti maallaqa fudhatan akka deebisan daangaa kaa’eera.Kana kabajanii namoonni maallaqa kana deebisan irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamu akka hin jirree mirkaneessee jira.

Rakkoo uumamee kana booda, namoonni seeraan ala maallaqa kana fudhatan akka deebisaniif Baankiin kun bellama amaan dura kennee tureen, Namoonni kuma 14 fi 400 guutummaan fi hanga tokko deebisuu isaanii beeksisee jra.

Guyyaaa har’a maqaa, lakkoobsa herreega baankii , dameen baankii maallaqa isaanii ka’atanii ifa kan taasiifamee keessaa, maallaqa fudhatan guutuummaatti kan hin deebiifne namoota 565 fi hanga tokko kan deebisan immoo, 5166 maallaqa fudhatan bellama kennameen akka deebisaniif hubachisee jira.

Beellama qabameetti hin deebisan taanaa, sabaa himaa adda addaa gargaaramuun maqaa isaanii guutummaa fi suuraa isaanii uummataaf ifa kan baasuu ta’u fi maallaqa karaa seeraan alaa fudhachuun shakkaman jechuun akka yakkaatti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’u baankiin kun akeekkachisee jira.

Waliigalaan maallaqa fudhatame 100 keessaa harka 80 deebisiisuu isaa, bulchaan Baankii Biyyooleessaa Obbo Maammoo Mihratuu guyyaa kaleessaa ibsanii jiru.Dhimma kana irrattti guutummaan qorannoon gaggeeffamaa akka jiruu fi waan irra ga’amees gabaasii isaa turban tokko booda ibsama jedhan. Haala mudatee kanaan, qarshiin Miliyoona 800 fi miliyoona tokkooo fi kuma 400 seeraan ala fudhatamuu kan ibsee baankiin daldalaa kan Itiyoophiyaa haga ammaatti Miliyoona 600 fi miliyoona 22 tuqaa 9 deebisiisuu isaa ibseera jechuun Gabra Mikaa’eel Gabra Madhin Finfinnee irraa gabaaseera

.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG