Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiwwan Keeniyaa Reeffa Firoottan Isaanii Gadda Guddaan Simataa Jiru


Maatii reeffa firaa fudhatan keessaa, Keeniyaa, Bitoootessa 26, 2024.
Maatii reeffa firaa fudhatan keessaa, Keeniyaa, Bitoootessa 26, 2024.

Maatiin Keeniyaa kurnootaan lakkaa’aman, reeffa firroottan isaanii Kibxata har’a har’a yeroo argatan bo’ichaa fi gadda guddaa ture. Namoonni kun waggoota kurnan darban keessatti amantiin walqabate ajjeechaa hamaa addunyaa keessaa tokkoo ta’een lubbuu ofii dhaban. Namoonni ajjeefaman kun miseensota Waldaa Kristaanaa Good News International Church jedhamu turan.

Hogganaan garee amantii kanaa Pool Makeenzii hordoftoonni isaa, of-beeleesuun yeroo dhumaatii biyya lafaatti, yeroo du’an Jannata akka seenan itti hime jedhameera.

Ebla bara 2023 irraa eegalee Keeniyaa gama kibba baha bosona Shakahola keessaa reeffi namoota 400 ol qotamee ba’eera. Mootummaan Keeniyaa hundi isaanii sababaa wal fakkaataan kan dhuman ta’uu dubbata.

Haa ta'u malee, waggaa tokko booda reeffawwan sana keessaa 35 qofatu kan eenyu akka ta’e adda baafame.- kunis maatii dhibbaan lakkaa'aman kanneen reeffa firoota isaanii awwaalachuu fedhaniitti dhiphina dabaleera.

Roseline Odede dura teessuu Komishinii Mirgoota Namoomaa Keeniyaati. ''Reeffi namoota 390 ol ta'an ammallee adda baafamuu hin dandeenye. Saffisa kanaan, reeffa namoota 390 ol ta'an adda baasuuf yaalii taasiifnuun waggoota kudhaniif as turuuf jirra jedhan. Maatiidhaaf dhimmi kana xumuura itti tolchuu akka dandeenyuuf mootummaan itti yaadee qabeenya hojii kanaaf kennuu qaba jedheen yaada jedheen yaada jedhan.

Hojimaata qotamuu, qorannoo reeffaa fi adda baasuutiin adeemsi reeffa dabarsuu yeroo dheeraa fudhachaa akka ture qondaaltonni mootummaa himaniiru.

Qorannoon DNA reeffa akkaan manca’an tokko tokko adda baasuuf itti fayyadamanii jiru. Makeenziin Ebla darbe poolisiitti harka kenneera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG