Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Accessibility links

Breaking News

Yuunaytid Isteets Rakkoo Saahel Keessan Yaaddofteetti


Yunaaytid Isteetis rakkoo nageenyaa, namoomaa fi siyaasaa kutaa Saahel keessatti mudachaa jiru baay’ee yaaddoo keessa jirti. Rakkoowwan kun jeequmsaa kutaalee qarqara galaanaa Dhiha Afrikaatti babal’achaa jiru haalaan akka cimuu fi dhiibbaan gara jabina dabalu taasisaa jiru.

Tokkummaa Mootummootaatti itti aanaa bakka bu’aa Yunaaytid Isteetis kan ta’an Richaard Miils akka jedhanti leellistummaan hokkaraan guutamee garmalee kan dagaagu yeroo aangawoonni mootummaa hin jirre, yeroo tajaajilli kennamu laafaa ta’u; yeroo dimokiraasiin raafamaa ta’u ykn yeroo gabaabf mul’atee darbu; yeroo haqni dhaqqabamaa hin taane, akkasumas, oolmaa fi siyaasaan ala ta’uu dagaaga.

Green Waagnar kan Kremlin deeggaramu dhimma keessoo biyyoota Afrikaa keessa seenuun, nageenyaa fi tasgabbii nagaa eegdota fi hojjettoota Tokkummaa Mootummootaa balaadhaaf saaxilaa jira.”

Ameerikaan guutuu kutaa sana keessatti duubatti sigigaachuun dimokiraasii akka hin jiraanneef kan ishee yaaddessu yoo ta’u, mootummoonni karaa dimokiraatawaan filataman, kanneen siiviiliin durfaman akka iddotti deebi’an gaafatti jedhan Richard Mills, "Adeemsa dimokiraasii deeggaruuf waajirri Tokkummaa Mootummootaa kan kan kutaa Afrikaa dhiyaa fi saahil (UNOWAS) tattaaffii itti fufiinsa qabuuf deggersa qabna," jedhan.

Qindeessaan jiraattoota Tokkummaa Mootummoota Burkina Faasoo keessaa bahuu isaanii fi Burkina Faasootti Ambaasaaddarri Faransaay akka biyyatti keessaa ba’an gaafataman gabaasnii jedhu nu yaaddesse.

Ameerikaan mootummaan Maaliin humnootii nageenyaa irra daangaa kaa’ame hunda akka dhabamsiisu gaafatti, kunis aangoo Tokkummaan Mootummootaa kan namoota nagaa eeguu, mirga namoomaa guddisuu, fi nagaa fi tasgabbii Maalii keessatti tarkaanfachiisuu dabalatee raawwachuu danda’a jedhu Mills.

"Tarkaanfii waloo keenya jabeessuun rakkoolee daangaa ce’an furuuf michoota keenya Afrikaa deggeruu qabna."

Jechuun Richaard Miils dubbachuu isaanii ibsuun gulaalaan har’s yaada isaa xumuree jira.

XS
SM
MD
LG