Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Accessibility links

Breaking News

Karaan Liibiyaa Gara Nageenyaatti Geessu  Filannoowwan Qofa 


Haalli Liibiyaan keessa jirtu sababa addaan cituu anniisaa, waldhabdee siyaasaa, fi jeequmsaan kan ka’e tasgabbaa’aa miti.

Dhimmoottan Siyaasaa addaa irrati Dhaabata mootumoota gamtoomaniitii bakka bu’aan Yunaayitid Isteets Roobeert Wuud dhimmi kana irrtti dubbatanii jiru.

“Liibiyaa keessatti nageenyii waaraa qabeessii akkaataan jiraachuu danda’u, ummanni Liibiyaa filannoo biyyaalessaa irratti hoggantoota isaa akka filatu yoo taasifame qofa.

Walgahii daandii heeraa masir keesumeestitte irratti hoggantoonii Liibiyaa dhimoottan filannoo taasisuudhaaf gargaaran irratti furmaata itti kennuf fooyya’insaa argame ni simanna.

“Amma yeroon bu’ii kana irratti hundaa’udhaan waliigaltee siyaasaa bal’aa mirkaneessuu fi filannoo milkaa’aa Liibiyaa keessatti taasisuudhaaf haala dhaabannii mootumoota gamtoomanii mijeesseen gara fuulduraatti tarkaanfachuudha.

“Hoggantoota Libiyaa gidduutti Fedhii siyaasaa umanii murtoo jajjaboo murteesuunnnii fi filannoo fuulduratti tarkaanfachiisuun qormaata isa hafeedha.

“Fooyya’iinsii karaa siyaasaa foo’yainnsaa karaa diinagdee fi nageenyaatiin wal simachuu qaba.

“Guddinni mala bulchiinsaa galii fi baankii walakeesaa Liibiyaa deebisanii walitti fiduun iftoominaa fi itti gaafatamumaa umee ummanni Liibiyaa qabeenyii isaa akkamiti akka itti fayyadamamaa jiru akka argu taasisa.

“Rakkinni godaantota Liibiyaa keessa jiran muudataa jiru Yunaayitid Isteetsiin baay’ee waan yaaddesuudha.

“Galaana meditiraniyaan keessatti badiinsii lubbuu namaa itti fufee jiru waan yunaayitid Isteetsiin gaddisiisudha. Akkasumas, bakkaawwan hidhaa ifa ta’anii fi ifa hin taanee keessatti godaantota hidhamani irratti gochii farra namoomaa raawatamaa jiru gaddisiisaadha.

“Mirgii namoomaa godaantotaa akka kabajamuu waamicha dhiheesina. Mootummaa gara nageenyaa, tasgabbii fi badhaadhinatti geessu argachuudhaaf lammiileen Liibiyaa hoggantoota isaanii filachuun isaaniif mala.”

Liibiyaan akka isheen galmaawan kan irra geessu Yunaayitid Isteets gargaaruudhaaf qophooftee jirtii.

Jechuudhaan gulaalaan har’aa ergaa isaa xumura.

XS
SM
MD
LG