Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Accessibility links

Breaking News

Gidiraan Itiyoophiyaa Kaabaa Keessaa Beekkannaa Argachuu Qaba


Sadaasa 2, 2022 Waliigalteen irra ga’ame waggoota lamaaf kaaba Itoophiyaa waraana geggeeffame xumurre. Amma Itoophiyaan waraana qaamonni hundi gocha hammeenyaa itti raawwatan keessaa bahaa jirti. “Waliigaltee sanarra ga’uu isaanii fi hojiirra oolmaa isaa irratti fooya’inaa guddaa argameef gama lachuu nan galateeffadha jedhan Ministirri Dhimma Alaa kan Yunaayitid Isteetis Antony Blinken. Haa ta’u malee, “Nagaa waaraa ijaaruuf gocha hammeenyaa qaamota hundaan raawwatameef beekamtii kennuun, araarris bu’ee walumaan itti gaafatamummaan jiraachuu qaba jedhan.

"Ministriin dhimma alaa seeraa fi dhugaa jiru of eeggannoo dhaan erga gamaaggamee booda, miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa Eertiraa, humnoota Adda Bilisummaa Ummata Tigraay, fi humnoota Amaaraa yeroo waldhabdee kaaba Itoophiyaatti yakka waraanaa ka raawwatan ta’uu mirkaneesseen jira.

Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa Eertiraa, fi humnoonni Amaaraas ajjeechaa, humnaan gudeeddii fi hookkara saalaa saalaa bifa biroo, fi qe’ee irraa ari’uu dabalatee dhala namaa irratti yakka raawwataniiru.

Miseensonni humnoota Amaaraa yakka dhala namaa irratti raawwataniiru, naannoo dhaa nama aqri’aniiru ykn humnaan qe’ee irraa buqqisuu dhaan akkaataa yakka nama irratti raawwataniin dhalattoota Tigraay dhiya Tigraay keeessaa irratti fixiinsa sanbyii raawwataniiru." jechuun ibsan.

“Mootummaan muuxannoowwan garggaqarii irratti kan hundaa’e filannoowwan haqa ce’umsaa kan ilaale karoora bal’aa uummataaf ifa gochuu dhaan, akka malee kan babal’[ate walitti bu’iinsa wal fakkaatuu fi hookkara keessaa ba’uu kanneen danda’an fakkeenya biyyoota ka biroo irraa barnoota argachuu dhaan tarkaanfii jalqabaa fudhataa jira.eequmsa miidhaa guddaa dhaqqabsiise dhugumatti dhaabachuu isaa mirkaneessuuf gara naannolee sanaatti imalanii kan adda baafatan Ogenyi waajjira komiishinera ol aanaa mirga namaa komiishina mirga namaa Itiyoophiyaa waliin aka hohjjetan affeeree jira." jedhan, itti fufuudhaan.

Dhuma irratti bifa akkaan murteessaa ta’een mootummaan Itiyoophiyaa fi mootummaan Eertraa akkasumas ABUT kanneen yakka sana raawwatan akka itti gaafatamoo taasisan gaafanna jedhan Bilinken.

"Tarkaanfiiwwan kun jechuun beekkamtii kennuu, itti gaafatamummaa fi araarri, Itiyoophiyaan yeroo dheeraa dhaaf akka isheen dandeettii hin qabaanne kan taasisan danqaalee jeequmsaa saba gidduu fi kan siyaasaa cabsuuf furtuu gaarii dha." jechuun xumuran.

XS
SM
MD
LG