Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Accessibility links

Breaking News

Cimina Dimookiraasitiif Hirmaannaan Dubartootaa fi Durbootaa Ijoo Dha 


Demokraasiin kan cimu, lammiiwwan maraa, keessumaa dubartoonnii fi durboonni ennaa keessatti hirmaatani. Kanaaf jecha prezidaant Joo Baayiden hirmaannaa dubartootaa fi durbootaa guddisuu dhimma ijoo bulchiinsa isaanii kan godhaniif.

Gumii dimokraasii lammataa irratti Blinken haasaa dhageessisaniin, “Hundi keenya ni beekna, mirgi dubartootaa kutaalee addunyaa hedduu keessatti balaa dhaaf saaxilamee fi haleellaa jala akka jiru jedhan.

"Mootummoonni hacuucaan mirga dubbachuu fi wal ga’uu dabalatee, seerawwan walabummaa bu’uuraa kan dubartootaa daangessuu irratti fuuleffatan baasaa jiru. Finxaaleyyiin, dubartootaa fi durboota keessumaa aadaa dhaan kanneen moggaatti qoodaman jaalalleewwan saala wal fakkaataa, dubartoota gosoota adda addaa irraa ta’an fi hawaaaalee amantii irratti haala madaalawaa hin taaneen fuuleffataa jiru." jedhan.

“Garuu dubartoonni bulchiisa abbaa irree qofa keessatti miti kan mirga isaanii guutuu fi walqixa ta’e sarbamaa jiran,” jechuun barreessaan Blinken hubachiisaniiru:

"Kutaalee addunyaa hedduu keessatti dubartoonnii fi durboonni amma iyyuu barnootaa fi hojii dhaaf carraa qixxee ta’e hin qaban. Gaazixeessonni dubartootaa, qabsaa’onni mirgaa fi namoonni siyaasaa haleellaa marsariitii wal irraa hin cinnee fi dararaatu isaan irra ga’a. Dubartoonni hookkaraaf saaxilaman yeroo hedduu haqa qixa ta’e hin argatan. Dubartoonni yeroo hedduu loogii rakkoof isaan saaxilutu irratti raawwatama."

Humnoota kana mara duratti, dubartoonnii fi durboonni naannoo addunyaa irratti mirga ofii isaanii fi mirga namomaa maraaaf akkasumas dimokraasiif falmuuf itti gaafatama jiru adda durummaa dhaan hoogganaa jiran. Kanaaf, barbaachisummaa dubartootnni fi durboonni murtee kennuu keessatti hirmachuu isaanii agarsiisaa jiran.

Afgaanistaan keessatti Talibaan jireenya guyyuu keessaa isaan dhabamsiisuuf yaalii wal irraa hin cinne inni gegeessu keessatti dubartoonni mirgi isaanii namoomaa ofii isaanii akka kabajamuu mormii dhiyeessaa jiran. Hegeree ifaa biyya isaaniif amma iyyuu qabsaa’aa jiran.

Iraan keessatti dubartoonni ija jabeeyyii ta’an “dubartii, jireenyaa fi bilisummaa” jechuu dhaan waamicha gochuuf, ofii isaanii balaa guddaa keessa galchanii, daandii irratti hiriira ba’aa jiru.

Yunaayitid Isteetis dubartoota akkasii fi naannoo addunyaa irraa kanneen mirga dubartootaa, akkasumas adeemsa murtii kannuu keessatti hirmaannaa guutuu, walabaa fi qixxee ta’e akka qabaatan kanneen hojjetan waliin walii galuun ni dhaabatti. Bilinken, karaa diplomaasii keenyaa isaaniin deggeruu dhaaf addunyaa guutuu irratti wal qixxummaa saalaa tarkaanfachisuuf cicha qabna jedhan.

Ennaa milkoofnu, waan sirrii ta’e qofaa utuu hin taane, biyyoonni keenya caalaatti badhaadhinaa fi nageenya akkasumas carraa uummata keenya hundaaf guutuu ta’ee fi waan bulchina qabuu fi barbaachisaa ta’e hojjenna jedhan jechuu dhaan gulaalaan har’aa yaada isaa xumura.

XS
SM
MD
LG