Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Accessibility links

Breaking News

Guyyaa Yaadannoo Bara 2023


Ji’a Caamsaa keessaa guyyaa wixataa isaa dhumaa irratti lammileen Amerikaa guyyaa yaadaannoo wareegamtootaa kabajanii oolu. Guyyichi guyyaa dhiirotaa fi dubartoota waraanaa keessatti hirmaatanii biyya isaani fi kaayyoo ishee ittisuudhaan lubuu isaanii dabarsan yaadatanii, wareegama isaaniif ulfina laatanuudha.

“Durboonni fi dhiironni Amerikaa jaaldhatamoon, warreen seenaa dhala namaa keessaatti yaadaa biroo wajjin isa wal hingitine, yaadaa Yunaayitid isteets eeguu fi ittisuudhaaf waa hunda duraa dhaabbatani, waa hundaa isaanii balaadhaaf saaxilani,

as Arlington keessaa, bakkeewwan awwaalchaa Awurooppaa keessaa, bakkaawwaan awwaalchaa adda addaa magaalotaa gurgudoo fi xixiqoo biyyaa isaanii keessaa ulfinaa fi kabajaan tarreen ciisaanii jiru.

“Dhaloonni kamuu diina dimokiraasii du’aa ta’e injifachuu qaba. Kanaaf, waan nuufi isaan kabaja kenninuuf kan dhiiga isaanii dhangalaasan dhalootaa hunda keessaatii gootonni ni dhalatu.

Akka biyyaatti, kennaa keenyaa isa guddaa kan ta’e demokiraasiin keenyaa dhiiga wareen adeemsaa keenyaa keessaatti of biraa dhabneen kan qulquluu ta’eedhaa.

“Kun ergama yeroo keenyaa ti."

Yaadannoon nu isaaniif qabnu, guyyaa itti dhaabbannee kadhannu qofa ta’uu hin qabu. Hojiidhaan agarsiisuudhaaf, waltti dhifeenyaaf, gatii kaffalameef ga’oo taanee argamuudhaaf kutannoo guyyaa hundumaa ta’u qaba.

XS
SM
MD
LG