Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Accessibility links

Breaking News

Uummata Ameerikaanota hiddha dhalata Afrikaaf, Waxabajji 19 Guyyaa Ayyaana addaa ta’ee maqaa “Juneteenth” jedhamuun kabajamee oola


Guyyaan kun guyyaa yaadannoo Amajjii 1, bara 1863 isa guyyaa walabummaa kabajuu miti yookiis Isa gaafa muddee 6, bara 1865, guyyaa fooyya’insa heeraa Ameerikaa 13ffaa guyyaa itti guutummaa guutuutti gabrummaan bades kabajuu miti. Kuni Guyyaa gaafa waxabajjii 19,bara 1865 garboonni Teeksaas , odola Galveesten Keessaa bilisa ta’uu isaanii guyyatti dhaga’andha. Waggaa tokkoon booda gaafa Waxabajjii 19,bara 1866 Teksaas keessatti kabajamee sana booda gara kibba Ameerikaattis babal’ataa deeme. Guyyyaan har’aa “Juneteenth” jeedhamee kabajamu Ayyaana Ameeriikaanoota hidda dhalata Afrikaa ti.

Waxabajjii bra 1865 sadarkaa biyyaalessaatti kabajuun fudhatama argachuuf waggoota 156 fudhate. Gaafa waxabajjii 17, bara 2021 Pirezidaantii Jooy Baayiden akka Mootummaa Federaalaatti guyyaa walabummaa biyyaaleessaa Waxabajjii ykn Juneteenth National Independence jedhamee jedhamee akka kabajamu labsan.

“ Anaaf waxabajjii 19 ykn Junteenth akka Federaalaatti guyyaa Ayyaanaa taasisuun mallattoo kabaja keenyaati. Kuni biyyi kun cubbuu ka’umsa gabrummaaf beekamtii kennuu isheetis “ jedhan Pirezidaanti Joo Baayiden.

Labsii walabummaa yaadachuun dhimma yaadannoof galmee ol ka’uu qofaa miti. Kuni yaadonnii tokko tokko humna qabaachuu isaanii agarsiisa. Kun haalamuu hin danda’u. Waadaa Ameerikaan akka biyyaattii seente nuti hundi keenya bifa Waaqayyoon wal qixa uumamuu fi bara jireenya keenyaa keessattis wal qixa tajaajilamuu qabna kan jedhudhas jedhan.

Waxabajjii 19 yokaan Juneteenth yeroo dheeraa , halkan cimaa gabrummaa fi hacuuccaa akkasumas kan ganamni ifaan itti mul’ateen mallatteeffama.

XS
SM
MD
LG