Svoboda | Graniru | BBC Russia | Golosameriki | Facebook

Accessibility links

Breaking News

Dhabinsa Wabii Nyaataa - Qormaata Addunyaa Irratti Guddataa Jiru  


“Yeroo ammaa adduunyaa irratti namoottan wabii midhaan nyaataa hin qabnee miiliyoonii 260 ta’antu argamu”jedhan ministeerri dhimma alaa mootummaa Yunaayitid Isteets Antoonii Biliinken. Itti dabalaniisi,

“Dhabiinsii wabii nyaata Kun akka walitibu’insii umamu taasisaa jira. Akka namoottan qe’ee isaanii dhiisanii godaanan dirqisiisaa jira. Guddina daanqee jira. Guddina qaamaa fi guddina diinagdee. Biyyoottan boodatti arkiseera jira. Ummata booddatti hambiseera jira.

“Karaa biraatiin immoo yemmuu midhaan nyaata akka meeshaa waranaatti itti fayyadamamu, yemmuu aangoodhaaf waliti bu’insaa wal irraa hin cinne keessaatii faayidaa siyaasaatiif olo baldhinaan mu’achaa jira.”

Kun immo, Bakka Raashaan walgaltee garba guraachaa isaa akka yuukreen midhaan nyaataa biyyaa alaatti ergitu taasisu addan kuttetti,

bakka haa ta’u jedhamee kuusaa midhaanii balleesuu irraatti akeekktame, bakka midhaan nyaataa fi haala omishaa miidhuu irraatti xiyyeefatame Yuukreen keessaati ifatti waan mulateedha.

“Waggaa tokkoo fi walakkaa darbe keessaa yunaayitid Isteets gargaarsaa nyaataa biyyoottan naannoo Adduunyaa irraa jiraanuuf kan oolu doolaaraa biliyoonii 14.5 ta’u laattee jirti.

Gargaarsaa sagantaa midhaan nyaataa addunyaa WFP dhaaf taasisamu keessaa gumaachaa guddaa kan goonu nuyi. Baasii ykn bajata isaa kan waggaa waggaa keessaatti haraka 50 gumaachaa jirra.

Dhaabbannii mootumoota gamtoomanii fi addaan immoo sagantaan nyaata adduunyaa yeroo ammaa kana namoota addunyaa maratti argaman miiliyoonii 100 ol taʼaniif hanqina nyaataa furuun akka barbaachisaa ta’e murteessanii jiru.”

Akkaataa sagantaa ilaalcha sanyii midhaanii fi biyyee fooyyesamee isa kaka’umsa Yunaayitid Isteets haaraa ta’en midhaan caalaa dandamataa fi nyaata caalaa soorataa qabu omishuu ni dandeenya .

Kun dandeettii qotiinsaa fi omishaa jabaa ta’e adduunyaa mara irraati qabaachuu keenyya mirkaneesuudhaaf karaa haaraa yeroo dheeraa keessaati garagarummaa dhugaa argamsiisuu danda’udha,” jechuudhaan gulaalaan mata duree “qormaata wabii dhabiinsa nyaataa adduunyaa guddachaa jiruu” jedhu jalatti qophaa’e yaada isaa xumura.

XS
SM
MD
LG